Afan OromoNews Analysis
Trending

OMN: Xiinxalla; Daangaa Oromiyaa akkamiin cabaa jira?

Mootummaan Naannoo Oromiyaa daangaa Oromiyaa Tiksuu hin dandeenye!

Mootummaan daangaa Oromiyaa tiksuuf dhimma qabu waan hin jirreef uummanni Oromoo daangaa isaa tikfachuuf gurmaa’ee socho’uu akka qabu rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa himan.

Jiraattonni naannawaa daangaa jiran immoo harka qullaa ta’uu OMNtti himanii, qe’ee keenyaa fi daangaa Oromiyaa tiksuuf deeggarsa meeshaa waraanaa feena jedhan.

Rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa yaada isaanii marsaalee hawaasaa irratti qoodan, uummata naannawaa daangaa jiru, keessattuu kanneen naannawaa weerarri irra deddeebiin irratti raawwatamu Oromoon biyya keessaa fi alaa maallaqa walitti qabee hidhachiisee qe’ee isaanii akka tiksan humneessuu qabaa jedhan.

Dhimmi daangaa Oromiyaa tiksuu warra naannawaa daangaa jiran qofaa kan hin ilaallanne ta’uu dubbatan.

Keessattuu daayaspooraanii fi uummanni Oromiyaa naannawaa daangaa hin jirre warra naannawaa daangaa jiru hidhachiisuun shoora isaanii bahuu akka qaban hubachiisan.

Jiraattonni naannawaa daangaa immoo yaada OMN’f kennaniin mootummaa qabna jechuuttuu ni qaanfanna jedhu.

Gabaasota walqabatan;

OMN: Xiinxalla; Waranaa Siyaasaa babal'ifannaa Lafaa Somaalee fi Oromiyaa

OMN: Hiriirri Mormii Sarbama daangaa Oromiyaa waamamaa jira.

OMN: Xiinxalla; Mootummaa Daangaa Oromiyaa Tiksuu Dadhabe.

Mootummaan naannoo Oromiyaa dhimma daangaa Oromiyaa tiksuu dur dhiisuu himatu.

Mootummaan harki koo furdaadha jedhu, furdina harka isaa uummata isaa cunqursuu qofaa irratti argine, qe’ee fi daangaa Oromoo tiksuu irratti naafa jedhu.

Lafti Oromiyaa humnoota naannolee lamaatiin weeraramaa jira. Humnoota naannoolee Amaaraa fi Somaaleetiini. Jarri kun lameenuu saamicha lafa Oromoo irratti raawwataniin gandoota dhimmootaan lakkaa’aman qabatan. Toftaan isaanii jalqaba hidhattoota garmalee hidhatan uummata harka qullaa jirutti bobbaasuun irraa buqqiisu. Lafa uummata irraa buqqaasan achumaan qabatu. Duubaa uummata fidanii irra qubsiisu. Qaamni lafa uummanni Oromoo irraa buqqa’e deebisee gaafatu hin jiru. Uummanni buqqaafame ni watwaata. Qaamni dhagahu hin jiru. Uummanni achumaan buqqaafamee gadadoon jiraachuu itti fufa.

Haala kanaan Wallagga Bahaatii ka’ee Horroo Guduruun Fulla’ee hanga Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaatti humnoota naannoo Amaaraatiin gandoota dhibbootaan lakkaa’amantu qabame.

Aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Jaardagaa Jaartee, Amuruu, Kiiramuu qofaatti gandoota lakkaa’amanii hin dhumnetu humnoonni finxaaleyyii naannoo Amaaraa jiraattota irraa buqqaasanii qubattoota naannoo Amaaraatii fidanii qubsiisan.

Godina Salaalee aanaa Dharraatti immoo gartokkeen aanaa humnoota kanaan qabamee, namoota naannoo Amaaraatii fidanii qubsiisuu bira darbanii caasaa mootummaallee gartokkeen dhuunfachuu jiraattonni himan.

Godina Shawaa Bahaa aanaalee Boosatii fi Fantaallee walakkaa humnoonni finxaaleyyii uummata irraa buqqaasanii namoonni naannoo Amaaraatii dhufanii akka qubatan taasifame.

Aanaa Boosat ganda Borcataa keessaa araddaawwan akka Siiquu, Koysoo, Mindaa, Gaardaa Qal’aa, Handoodee, Garba Adii, Seera’ee, Boorticha, Maqidallaa fi Qaawwa Bubbisaa yookaanuu Qarsaa Abbaa Bunee faan lafoota bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraan dhuunfataman tahuu jiraattonni OMNtti himan.

Dabalataan aanaa Boosat irraa lafoonni akka Dudda Daalachaa, Fossoo, Gabaa Raadaa, Calalaqaa, Qilee Arbaa faan bulchiinsa naannoo Amaaraan erga dhuunfatamanii turaniiru jedhu jiraattonni.

Gama aanaa Fantaalletiin immoo humnoonni naannoo Amaaraa lafa Arroollee bal’aa keessa qaxxaamuranii walakkeessa aanichaa lafa ‘Haroo Huubaa’ jedhamtu dhaqqabanii jiru jechuun himatu.

Aanaa Fantaallerraa lafti Arroollee Bal’aa, Borbor, Doddotii Guddoo, Harooressa Bal’aa, Eddoo Guddoo, Dhiibuu Dammaa, Harooressa Qal’aa, Qonyee, Funyaan Booraa, Funyaan Waangayyoo, Malkaa Jiloo, Ulaagaa, Xininjii, Haroo Arbaa, Micci, Haroo Diidaa, Wanji, Irraan Buutee fi lafoonni biroo hedduun naannoo Amaaraan dhuunfatamanii jiraachuu jiraattonni himu.

Gama mootummaa naannoo Somaaleetiin immoo Mi’eessoo kaasee Dirree Dhawaan bahee Cinaaqsaniin darbee hanga naanna’ee Mooyaalee gahutti gandoota dhibbootaan lakkaa’aman uummata Oromoo irraa buqqaasuun humnoonni naannoo Somaalee mootummaa naannichaan bobbaafaman qabatanii uummanni naannoo Somaalee dhufee akka irra qubatu taasifamuu ragaaleen OMN argate mul’ise.

Gama godina Baaleetiin aanonni akka Gurra Dhaamolee, Sawweena, Raayituu, Madda Walaabuu, Barbaree, Daawwee Sarar fi kanneen biroo ta’e jedhamee mootummaan naannoo Somaalee hidhattoota bobbaasee uummata gandoota heddu irraa buqqisaa turuu jiraattonni himatu.

Walakkaan aanota daangaa humnoota naannoo Somaaleen qabamanii uummata fidanii irra qubsiisan jedhu.

Karaa Harargeetiin immoo Mi’eessoo, Bordoddee, Maayyuu Mulluqqee, Gooroo Guutuu, Jaarsoo, Gursum, Baabbilee, Miidhagaa Tolaa, Cinaaksan haala hammaataa keessa jiraachuu jiraattonni himatu.

Aanaa Cinaaksan qofaatti araddaalee 20 ta’antu nu jalaa qabamee jedhu jirattonni.

Araddaaleen Hulluuqoo, Bilaalee, Araaraaf, Warraa Dodoo, Dhaweeyisaa, Qaligaa Warraa Sa’iyyoo, Darbilee, Tamaam, Caffee Baaduu, Elaa Agamsaa, Kululoo, Elaa Ahmaar, Hossoolee, Jirilee, Feraad, Dhuhlaaleyii, Gelboob jedhaman nurraa fudhataman jedhan jiraattonni.

Gama Booranaatiin  immoo Moyyalee, Liiban, Areero, Dhasii fi kanneen biroo irratti weerara cimaatu barootaaf gaggeeffamaa ture jedhu jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee lafa hidhattoota bobbaasee qabatee ture irratti gidduu kana aanaalee akka haaraatti gurmeeffatee jedhu jiraattonni.

Manni maree naannoo Somaalee dhimma magaalaa Moyaalee gaafa murtii kennu, gandoota reefireendamiin Oromiyaa filatanii fi darbees gandoota dabalataa qabatanii caaseffama haaraa gaafa labsu Caffeen Oromiyaas ta’ee mootummaan obbo Shimallis Abdiisaa “harki isaa furdaa” waan tokkollee hin jenne jedhamuun cimsee qeeqamaa jira.

Dura mootummaa ABUTn durfamutu lafa keenya saamsisa jennee qaama itti himannu dhabne kan jedhan jiraattonni, amma mootummaa Oromooti nuun jennaan maanguddoota dhageettii qaban irra deddeebiin obbo Shimallis Abdiisaa fi ministira muummee Abiy Ahimaditti erginee deebii wayiituu dhabnee jedhu.

Amma ijibbaata qe’ee keenyaa fi daangaa Oromiyaa tiksuuf falmataa jirra Oromoo marti nu cinaa dhaabbadhaa jechuun yaamicha dhiheessan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

8 + 19 =

Back to top button
Copy link