Afan OromoNewsPolitics
Trending

OMN: Hidhattoonni Somaalee Oromiyaa irratti haleellaa banan.

Hidhattoonni naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa seenannii haleellaa raawwachuu itti fufan.

Hidhattoonni naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa seenannii haleellaa raawwachuu itti fufan.

Godina Boorana Bahaa aanaa Waacillee ganfa Dhakaa Waataatti hidhattoonni kunneen haleellaa raawwachuu jiraattonni OMNtti himan.

Haleellaa kanaan namoonni nagaan sadii kan motorsaayikiliin deeman lubbuun darbuu dubbataniiru.

Kana malees nama loon tiksu tokko irratti haleellaa raawwachuun lubbuu dabarsuu jiraattotatu nutti hime.

Namni biraa tokkos haleellaa hidhattoota Somaaleetiin madaa’uutu ibsame.

Tibbanuma jiraattonni godinaalee Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa OMN’f yaada isaanii kennanis, hidhattoonni naannoo Somaalee haleellaa haaraa banuu himaniiru.

Gabaasota biroo;

Itoophiyaan Ertiraa, ABUT fi Hidhattoota kaan himatte

Eenyummaa Haaraa fi Hiree Sabootaa

Itoophiyaan Ertiraa, ABUT fi Hidhattoota kaan himatte

Godina Harargee Lixaa gama Bordoddeetiin haleellaa hidhattoonni naannoo Somaalee bananiin namoonni nagaan 2 lubbuun darbuu dubbataniiru.

Kana malees namoota hedduutu haleellichaan madaa’e jedhaniiru.

Gama biraatiin immoo tibbanuma humnoonni naannoo Somaalee magaalaa Dirree Dhawaa seenuun haleellaa raawwataniin dubartiin ulfaa lubbuun darbee, namoonni sadii madaa’uu jiraattotatu OMNtti hime.

Godina Harargee Bahaa aanaa Baabbilleettis haleellaa raawwataniin namoonni nagaan 7 lubbuun darbuu jiraattonni himan.

Namoota heddutu Baabbilleetti madaa’ee jedhan.

Hidhattoonni naannoo Somaalee godinaalee Harargee aanaalee Doobbaa, Mi’eessoo, Baabbillee, Gooroo Guutuu fi kanneen birootti haleellaa banuu jiraattonni himan.

Gandoonni aanaalee kanneenii hedduun haleellaa hidhattoota kanneenii jala jiru.

Hidhattoonni naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa seenanii haleellaa raawwatan ilaalchiseen xinxaaltoonni yaada garaagaraa kennu.

Xinxaaltonni gamni tokko haleellaan naannawaa daangaa ta’e jedhee mootummaa sirna federaalawaa sabdaneessaa diiguuf akeeka qabuun qindeeffamaa jedhu.

Akka waan sirni federaalaa sabdaneessaa madda walitti bu’iinsaa ta’eetti agarsiisuun mootummaan naannolee diiguuf barbaada jedhu.

Xinxaaltonni gariin immoo mootummaan Abiy Ahimad yeroo humnoota naannolee Oromiyaatiin alaatiin muddamu uummata Oromoo ofcinaa hiriirsuuf akka waan uummanni Oromoo marfameetti agarsiisuuf toftaa kana fayyadamuu himu.

Xinxaaltonni gamni lameenuu yaada isaanii wayita ibsan naannoon Oromiyaa kan ministirri muummee Abiy Ahimad irraa dhufan akkamiin akka kanaan humnoota naannolee ollaa irraa dhufaniin haleelama jechuun gaafachuun, ministiruma muummichaatu ta’e jedhee ilaalaa jiraa jedhu.

Xinxaaltonni biroon immoo humnoota naannoo Somaalee babal’ifannaa lafaatiin walqabsiisu.

Humnoonni kun babal’ifannaa lafaatiin lafa Oromoo bal’aa qabachuu eeru.

Weerara lafa Oromoo irratti bananiif immoo yeroo haalli mijatuuf taa’anii qophaa’anii eeguu jedhu.

Yeroo xiyyeeffannaan uummata Oromoo dhimma biraa irra ta’u hidhattoonni naannoo Somaalee haleellaa akka banan himu.

Yeroo Abdii Ilee uummanni Oromoo humna ABUT waliin kokkee walqabetti hidhattoonni naannoo Somaalee carraa sana fayyadamuun lafa bal’aa qabatanii jedhu xinxaltoonni kun.

Ammas humnoonni kaabaa mootummaa waliin walmudduu eeggatanii hidhattoonni naannoo Somaalee haleellaa haaraa jalqabaa jiru jedhan.

Kanas ta’e sana uummanni Oromoo dhimma daangaa Oromiyaa irratti bakka jiruu walii birmatee daangaa Oromiyaa tiksuu, tokkummaa Oromoo jabeessuun egeree Oromoof dhimma akkaan murteessaa ta’uu ibsu.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

1 × 4 =

Back to top button
Copy link