Afan OromoCultureNews

Caffee Tumaa - Update

Gadaan Tuulamaa ardaa jilaa Caffee Tumaatti seera dhangalaasuufi tumuu guyyaa lammaffaaf itti fufeera.

Kan baallii fudhatuuf waggaan tokko hafu Muudanni (Michilleen), Foolleen Muudanaa (Roobaleen), Dabballeen Muudanaa (Birmajiin), abbootiin Birmajii fi Roobalee, akkasumas abbootiin Muudanaa kan afurtama gahan warra jila Caffee Tumaa kanarratti hirmaatani.

Muudanni baay’ee qophaayee Gadaa isaa bara waliin deemsisuuf tarkaanfii fudhachaa jiruu fi kaka’umsi hawaasni bakka jilaatti agarsiisu baay’ee hawwataa akka ta’e maddeen keenya himan.

Wiirtuu Gadaa Tuulamaa kan ta’e Odaa Nabee ardooonni jilaa Gadaa Tuulamaa eegumsaa fi kunuunsi godhamaa akka hin jirre kan ibsan kanneen jila kanarraa dubbifne, qabiyyeewwan ardoota jilaa kanneenii qonnaa fi sochiiwwan diinagdee garaagaraatiin dhiphachaa dhufuun yaaddoo guddaadhaan ibsan.

Odaa Nabee, Caffee Tumaa, Caffee Dongoraa, Dhaka-koraa iddoowwan ulfoo Gadaa Tuulamaa fa’i addatti xiyyeeffannaan kennameefii akka kunuunfaman, misooman, ulfeeffaman warri jilarraa yaada kennan waamicha godhan.

Bulchiinsi magaalaa Bishooftuu ardaa jilaa Odaa Nabee kaareemeetira 8000 misoomsuu fi qabiyyee isaa abbootii Gadaatti kennuuf waadaa galeera.

Ardoota jilaa eerre keessaa kan magaalaa Bishooftuu jala oolu Odaa Nabee qofa. Caffeen Tumaa fi Caffeen Dongoraa magaalaa Shaggar jala oolu. Magaalaan Shaggar hanga ammaa misooma ardaalee jilaa kanneen ilaalchisee yaadni dhiyeesse hin jiru.

Hawaasni fi abbootiin Gadaa Ardoonni jilaa xiyyeeffannaan akka kennameefii kunuunsamanii misooman waamicha godhan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

nineteen − twelve =

Back to top button
Copy link