Afan OromoNewsOpinionPolitics
Trending

OMN: Piroojektii buufata Xiyyaaraa Abbuuseeraa fi yaaddoo ummataa

Duguuggaan eenyummaa immoo beenyaa kamiinillee bakka buufamuu  hin danda’u.

Buufanni xiyyaaraa Abbuuseeraatti ijaaramu dirree qubsuma  xiyyaaraa qofa osoo hin taane  magaalaa guddaa  buufata xiyyaaraa (Airport city ) akka ta’e hoji-gaggeessaa olaanaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa (Ethiopian Airlines Group) Obbo Masfin Xaasoo himan.

Buufatni xiyyaaraa Boolee  dandeettii tajaajiluu qabuu gadi tajaajilaa yeroo jirutti buufata xiyyaaraa haaraa kan biraa KM 50 irratti dabaluun kasaaraadha; weerara lafaatis jechuun warri qeeqanis jiru.

Buufanni xiyyaaraa Abbuuseeraa magaalaa Bishooftuutti ijaaramu Sadaasa dhufu ijaarsisaa  eegala jedhu hoji-gaggeessaa olaanaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo.

Lammiilee projektii kanaan qe’eerraa  buqqa’aniif ijaarsi bakka  qubsumaa  eegalame Fulbaana dhufu keessa xumuramee itti galu kan jedhan qondaalli Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kun, ijaarsi ‘Magaalaa Buufata Qilleensaa Abbuuseeraa’  immoo Sadaasa akka eegalu dubbatan.

Qonnaan bulaa buqqa’uuf  ijaarsiwwan barbaachisan   75 % xumuramuu himan Obbo Masfin.  

Waayee Projektichaa yoo himan Obbo Masfin Xaasoo,  kan ijaarru buufata xiyyaaraa osoo hin taane magaalaa buufata xiyyaaraa ti jedhan.

“Nuti kan ijaarru buufata xiyyaaraatii miti. Magaalaa buufata xiyyaaraati. Buufata xiyyaaraa waliin kan deeman sochiiwwan diinagdee hedduun  achitti ni uumamu. Faayidaan jalqabaa carraa hojii ti. Dargaggoonni naannichaa ijaarsaa ta’ee erga ijaarsi dhumee achitti carraan hojii ni uumamaaf.  2ffaa hoteelonnii fi iddoowwan daldalaa achitti ni banamu. Warshaaleen tokko tokkos ni banamu. Walitti hidhamiinsi ni uumama. Sochiin diinagdee fi hawaasummaa naannichaa buufata xiyyaaraa waliin qindaayee waan hojjetuuf hawaasa naannichaa faayidaa guddaa fidee dhufa” jedhan Obb Masfin Xaasoo.

Boqonnaa lamaan kan ijaaramu Buufatni Xiyyaaraa Abbuuseeraa boqonnaan jalqabaa imaltoota miliyoona 60, boqonnaa lammaffaan immoo miliyoona 50 keessummeessuu  kan dandeessisu jedhama.

Projektii Buufata Xiyyaaraa Abbuuseeraa  haaraa ijaaramaa jirurratti komii hedduutu ka’a.  Qonnaan bultoonni beenyaa gahaa malee buqqa’uu himatu. Hayyoonni immoo weeraraa fi akeeka duguuggaa eenyummaa projektii qabu jedhu.

Buufatni  Xiyyaaraa Abbuuseeraa kun Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee irraa KM 50 irratti ijaarama. Fageenya gabaabaa hammanaa irratti buufata xiyyaaraa lammaffaan biyyattiif kasaaraa akkasumas weerara lafaa ti malee misooma ta’uu hin danda’u hayyoonni jedhan jiru. Buufanni Xiyyaaraa Boolees dandeettii keessummeessuu gadi keessummeessaa akka jiru himu hayyoonni diinagdee.

 Karoorri kun fedhii buufata xiyyaaraa Boolee babal’isuu yoo jiraate, lafti gahaan buufata xiyyaaraa Boolee bakkuma amma jirutti babal’’isuu dandeessisu jiraachuu himu hayyoonni kunneen.

Booleen ala buufata xiyyaaraa dabalataa yoo barbaachise immoo Finfinneerraa fageenyi dheeraa tajaajilli geejjiba qilleensaarraa hanqina qabutti hojjechuun filatamaa akka ta’e gorsu.

Qonnaan bultoonni lafa isaaniirraa sababa projektii kanaa buqqa’an lakkoofsaan kumaatamaan lakkaawamu. Qonnaan bultoonni Abbuuseeraa  OMN irratti asiin dura yaada kennan beenyaa gahaa malee akka isaan buqqisuuf jiran komachaa turuun isaaniis ni yaadatama.

Ajandaan  Projektii Buufata Xiyyaaraaa Abuuseeraa duuba jiru misooma qofa osoo hin taane, Oromiyaa bakka lamatti qooduudha jedhu hayyoonni asiin dura OMN mariisise.

Mudhii qabiyyee Oromiyaarratti kan ijaaramu projektichi lammiilee kuma 15 buqqisa jedhama. Lammiileen buqqaafaman kunneen waayee qabiyyee isaanii mootummaa waliin fedhaa fi gaaffii isaanii osoo hin mariisifamin humnoota mootummaatiin buqqa’aa jiru jedhame. Finfinnee dabalatee amalli hundeeffamaa fi baba’ina  magaalota Oromiyaa Oromoo buqqisuu, dimoograafii Oromiyaa jijjiiruu,  uummaticha  deegatti kennuu fi duguuggaa aadaa, afaanii, eenyummaatiin kan ibsamun ture kan jedhu hayyuun kun,  projektiin buufata xiyyaaraa Abbuuseeraa kunis adeemsa as duraa magaalota Oromiyaa kanarraa waan adda ta’e fidee hin dhufu jedhu.

Mudhii Oromiyaa bakka naannawa amma projektiin kun irratti karoorfamerratti fiixeen naannoo Amaaraa fi naannoo haaraa hundeeffame, Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa  jedhamee waamamu  gidduu jiru garaagarummaa KM 78 (Maayilii 50 gadiitu) jira.

Jidduu kanatti  Projektii buufata xiyyaaraa Abbuuseeraa dabalatee, zooniin diinagdee  Gadaa jedhamus ijaarsarra jira. Magaalaa Bishooftuu  daran babal’isuuf caaseffamni haaraan magaalotaa  hojiirra oolaa jira.  

Gabaasota biroo; 

Lammiilee Itoophiyaa Saa'udiitti ajjeefamaa jiran

Ertiraan Itoophiyaa Tasgabbii dhoowwaa jirti. Gabaasa

Humnoota Kaabaa fi Mooraa Oromoo

Kunneen walitti dabalamanii  carraan Oromiyaa fi Oromiyaa  bakka lamatti baasuu olaanaa ta’uu dubbatu dhalattoonni naannichaa fi hayyoonni tanaan dura OMN mariisise. Projektii Oromiyaa  diiguu  fi sirna federaalawaa ammaa eenyummaa sabootaa irratti hundeeffame kutaan caasessuuf karoora jirus akka dubbatu.

Buufatni xiyyaaraa Boolee gara Abbuuseeraa babal’ata jechuun Boolee fi Abbuuseeraa jidduu bulchiinsi garaagaraa akka hin jiraanne akeeka. Finfinneen gara Abbuuseeraa babal’achaa jiraachuushee akka jechuu ti. 

Kaleessa Finfinneen miidhama Oromoo irratti hin babal’attu, gaaffiin abbummaan Finfinnee deebi’uu qaba jedhamee uummanni Oromiyaa kan wareegama itti kaffalaa bahe osoo hin deebisin karoora kanaan gadi bahuun tooftaa haaraa Oromiyaa diiguu akka ta’e hayyoonni himaa turanii jiru.

Oromiyaatti babal’achuun magaalotaa gosoota Oromoo, aadaa, afaan fi  eenyummaa Oromoo irratti duguuggaa raawwachuu seenaan hundeeffama  magaalota akka Finfinnee ragaadha. 

Bifuma wal fakkaatuun naannawa kanattis duguuggaan aadaa, afaanii, gosaa fi eenyummaa akka raawwatamuuf jiru yaaddoo uumeera.

Gosti Aabbuu jedhamu naannichaarraa guutuutti buqqa’uuf irratti karoorfameera jedhu maddeen keenya. Gosti Aabbuu gosoota Tuulamaa naannichatti aadaa sirna Gadaa dabalatee  aadaa aslii (ganamaa) kanneen akka Irreecha, aadaa fuudhaa fi heerumaa, jiloota aadaa hedduu fi  ardoota jilaa baay’ee tikfatanii har’a gahan. 

Gosa aadaa fi eenyummaa Oromoo ganamaa baay’ee kunuunsee asiin gahe kanarratti duguuggaa raawwatamuuf jiraachuu yaaddoon ibsu dhalattoonni naannichaa. 

Duguuggaan eenyummaa immoo beenyaa kamiinillee bakka buufamuu  hin danda’u.

Hawaasni Oromiyaa naannawa Finfinnee marsee jiru barnoota dabalatee misoomaan sadarkaa olaanaan boodatti hafee kan jiru akka ta’e ragaaleen ni agarsiisa. Kun itti yaadamee uummata kana waa hundaan boodatti hambisuun  dachii isaan saamuuf kan sirnoota garaagaraatiin hojjetamaa ture akka ta’e hayyoonni lamaan eeranii jiru.

Obbo Masfin Xaasoo asiin dura  BBC Focus on Africa irratti yaada kennaniin, abbootiin warraa kaafamuuf jiran  2, 500 ta’u jedhan.

Ijaarsi buufata xiyyaaraa kanaatiis waggaa afuriin booda kan xumuramu yoo ta’u, Afrikaatti buufata xiyyaaraa isa guddaa akka ta’us obbo Masfin ibsaniiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

twelve + eighteen =

Back to top button
Copy link