Afan OromoNews

Ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa fi Biyyaa baafamuu OMN

Ajjeefamuu artiistii fi falmaa mirgaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee  sirni biyya bulchaa jiru kan duraanuu OMN karaa cufu dhabee ture OMN biyyaa baasus OMN har’as akkuma gaafa duraa sagalee uummataa ta’ee jabaatee itti fufee jiraa jedhan kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa.

Kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa yaada kennan, OMN sagalee uummataa ta’uutti cichuunii fi ijjannoo uummattummaa irraa daddaaqamuu dhabuun sirna biyya bulchaa jiru irriba dhorkee jedhan. Kanaan kan mufate sirnichi carraa ittiin OMN biyya keessaa cufu eeggataa turuu yaadachiisanii, ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa hordofee OMN biyya keessaa cufuu himan.

Biyya keessaa cufamuun OMN battala waan ta’e akka hin taane eeranii, taatee yeroo sanatti mudateen kan cufame akka hin taane ibsaniiru. Erga OMN biyya galee mootummaan harka micciiree ijjannoo uummattummaa irraa gorsuuf yaalaa turuu eeranii, OMN adeemsa mootummaa sana diduun ijjannoo uummattummaatti cichee otoo hin daddaaqamin sagalee uummataa ta’ee itti fufuu isaatiin mootummaan ilkaan itti ciniinnatee jedhu.

Gabaasota walqabatan;

Yaadannoo Ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa Waggaa 5ffaa Minisootaa

Ajjeefamuu artistii fi falmaa mirgaa Haacaaluu Hundeessatti dhimma bahuun mootummaan OMN biyyaa baasuu himaniiru. Ta’us garuu kaayyoon OMN uummata irraa fageessuu fi dadhabsiisuu mootummaan qabate akka hin milkoofne dubbataniiru.

OMN biyyaa baafamus maddeen amanamoo golee Oromiyaa mara irraa horatee waan qabuuf miidiyaa biyya keessa jiru caalaa odeeffannoowwanii fi taateewwan Oromiyaa keessatti mudatan battalatti addunyaadhaan gahuu itti fufuu himaniiru.

Inumaa miidiyaaleen biyya keessa jiraniyyuu sadarkaa OMNtti dhimma uummata keessa jiru gabaasuu hin dandeenye jechuun, hojii OMN alaala taa’ee sadarkaa miidiyaalee biyya keessa jiranii caalaa hojjataa jirutti akka boonan dubbataniiru.

OMN kan uummataati kanaaf dadhabsiisuun dadhabame, kanaaf aggaammii gamaa gamasii itti aggaamamu dandamatee miidiyaa adda duree fi madda odeeffannoo amanamaa ta’ee itti fufee jedhan.

Odeeffannoo dhugaa fi qabatamaa bifa ogummaan dabaalameen dabarsuu fi aantumma uummataa irraa daddaaqamuu dhabuun OMN, miidiyichi warra uummata Oromoof quuqamuun akka jaallatamu, warra uummata Oromoo ukkaamsuuf fedhuun akka sodaatamu taasisuu kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa himaniiru.

Miidiyaa keenya qabeenya waloo keenya ta’e OMN ni jabeeffanna, keessattuu daayaaspooraan Oromoo nuuf tumsaa jechuun dhaamaniiru.

Gabaasota Biroo;

. Raafama Siyaasaa fi Waraanaa Baha Giddugaleessa

Haleellaa Iraan buufata waraanaa USA irratti raawwattee fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu Doonald Tiraamp

Itoophiyaatti dhaabbileen 70 Qajeelfama malee bittaa birrii miliyoona 404 raawwatan.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

16 − 1 =

Back to top button
Copy link