Afan OromoNewsNews Analysis

OMN: Humni bittaa birrii Itoophiyaa dhibbeentaa 15% gadi bu'uu Biluumbargi gabaase.

Birriin Itoophiyaa gulantaa humna bittaa isaa akka malee gadi bu'uu gabaasni miidiyaa guddaa addunyaa Biluumbargi ifoomsee jira.

Humni bittaa birrii Itoophiyaa dhibbeentaa 15% gadi bu’uu Biluumbargi gabaase.

Birriin Itoophiyaa gulantaa humna bittaa isaa akka malee gadi bu’uu gabaasni miidiyaa guddaa addunyaa Biluumbargi ifoomsee jira.

Kunis sababa jijjiirraa imaammata sharafaafi carraaqqii fooyya’ina kaffaltii liqaa kan biyyattiirra jiruun kan wal qabatu ta’uu gabaasichi eeree jira.

Akka gabaasichaatti, Birriin Itiyoophiyaa bara kana doolaara Ameerikaa wal bira qabamee yoo ilaalamu humni bittaa isaa dhibbeentaa 15 ‘ol gadi bu’eera. 

Kanaanis birriin mallaqaawwan bara 2025  addunyaa irraa akkaan humna bittaa dadhabaa qaban keessaa tokko ta’ee jira.

Akka gabaasa ‘Bloomberg’ tti, Sababni dadhabbii humna bittaa Birrii Itoophiyaa kun biyyattiin liqaa alaa ishee irra jiru deebiistee galchuuf hojii hojjetaa  jirtu waliin walitti dhufeenya cimaa qaba; kunis amantaa investerootaa deebisuu fi tasgabbii maallaqaa mirkaneessuuf murteessaa dha.

Itoophiyaan bu’uura waloo Garee biyyoota badhaadhoo digdamaa (G20) jalatti, walakkeessa bara 2026’tti sirreeffama liqaa alaa ishee xumuruuf tattaaffii cimaa taasisaa jirti. 

Mootummaan Itoophiyaa amma dura  Abbootii liqaa  Chaayinaa fi Faransaay dabalatee kanneen waliin waliigaltee irra ga’ee jira; kunis liqii doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.5 irra deebiin haala yeroo kaffaltiisaa gurmeessuu irratti kan xiyyeeffatedha jedhamee jira.

Haa ta’u malee, mariin abbootii liqaa dhuunfaa waliin gaggeeffamaa ture hanga ammaatti furmaata hin arganne.

Addatti, immoo mariin kaffaltii liqaa alaatif abbootii qabeenyaa  waliin taasifameen doolaara biiliyoona 1, kan biyyattiin bara 2023  kaffaluu dhabuun kufaatii keessa seente, baatii Waxabajjii keessa waliigaltee malee cufameera.

Akka gabaasa ‘Bloomberg’ tti,  Yoo adeemsi liqaa amma duraa bara 2023, guutummaan guututti xumurame,  dinagdee biyyattii fi amantaa investerootaa irratti jajjabina tokko kennuu danda’a.

Gabaasni Bloomberg dabalataan akka ibsetti, Itoophiyaan ji’a bitoitessaa, 2024 Fandii Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) irraa sagantaa liqii dheereffame doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.4 argatteetti.

Muddee 10, 2025 IMF gamaaggama afraffaan sagantaa kana waliigaltee sadarkaa hojjettootaa irra ga’uu isaa beeksiseera. 

Kunis boordii hojii raawwachiiftuu Fandichaatiin yoo raggaasifame, Itoophiyaan doolaara Ameerikaa miiliyoona 200fi miiliyoona 61 dabalataa akka argattu kan taasisudha jedhamee turuun isaa  nii yaadatama. 

IMF akka ibsetti, al-ergiin Itoophiyaa,  keessumaa kan buna irratti hundaa’e dachaan ol dabaleera; galiin mootummaa cimeera; qaala’iinsi jireenyaa immoo gadi bu’eera.

Qaala’iinsi jireenyaa waggaa ji’a Adoolessaa gara dhibbeentaa 10.9 ‘tti gadi bu’eera. Kunis yeroo gabaan sharafa alaa ji’a bitoitessaa, 2024 bilisa ta’e turetti kan galmaa’e dhibbeentaa 18.6 irraa gadi bu’uudha.

Fandiin Mallaqa Addunyaa akkana haa jedhu malee haala qabataa biyyatti keessa jiruun qaala’insi jireenyaa hammaatuun ummanni nyaatee buluuf rakkataa jira.

XS.com onkoloolessa bara 2025 akka gabaasetti birriin Itoophiyaa bara 2025’tti maallaqa Afrikaa keessatti humna bittaa dadhabaa qaban keessaa sadarkaa tokkoffaa irra jira.

Kunis dhiibbaa dinagdee itti fufiinsa qabu, qaala’iinsa jireenyaa ol’aanaa, tasgabbii dhabuu siyaasaa, fi hanqina sharafa alaa waliin walqabatee akka jiru agarsiisa jedhe.

Akka gabaasichaatti,  Birriin Itiyoophiyaa bara kana maallaqa Afrikaa dadhabaa afran keessaa tokko ta’ee, Seeraaliyoon Liyoon (SLE), Firaank Giinii (GNF), fi Paawundii Sudaan (SDG) qofa caalee raawwii gaarii agarsiisee jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

seventeen − eight =

Back to top button
Copy link