News AnalysisAfan Oromo
Trending

OMN: Xiinxalla; Mootummaa Daangaa Oromiyaa Tiksuu Dadhabe.

Birmadummaa Oromiyaa Sarbame fi Mootummaa daangaa tiksuu dadhabe

Xiinxalla: Harka Mootummaa Furdate Daangaa Oromiyaa Tiksuu hin Dandeenye Yookaahuu Hin Fiine.

Birmadummaan daangaa Oromiyaa kallattilee garagaraatiin cabus Caffee Oromiyaa fi mootummaan naannoo Oromiyaa kan birmadummaa, nageenyaa fi walabummaa naannichaatiif itti gaafatamummaa qabu birmadummaa naannichaa kabachiisuuf tarkaanfii fudhate hin qabu jechuun hayyootaa fi uummataan jabeeffamee qeeqamaa jira.

Bara 1991 daangaan Oromiyaa yeroo sararamu magaalotaa fi godinoonni hedduun Oromiyaa jalaa baafamuun naannoo biroo jalatti caasseefamanis, daangaan Oromiyaa hafe dhiigaa fi lafee qabsaa’otaatiin sararame.

Ergasiis lafti Oromiyaa jalatti daangeffame akkuma arge naannolee garaagaraatiin weeraramee qabatamaa ture. 

Erga jijjiiramni siyaasaa fi diinagdee bara 2018 Itoophiyaa keessatti dhufee mootummaan Biltsiginnaa aangoo qabatee booda duulli birmadummaa Oromiyaa sarbuu godinaalee Oromiyaa kanneen akka Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga bahaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Booranaa fi Baalee keessaan ittuu hammaate.

Humni Finxaalessi Faannoo kan olaantummaa saba tokkoo Itoophiyaa keessatti deebisuu barbaadu hidhannoo mootummaan federaalaa fi naannootiin hidhachiifametti dhimma bahuun waggoota 5n darbaniif godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Shawaa Bahaa fi Shawaa Kaabaa weeraruun gandoota hedduu bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa kan Shimallis Abdiisaatiin durfamu jalaa baasee jira.

Mootummaan Shimallis Abdiisaa kan Olaantummaan Oromiyaa hoogganaa jiru humnoota finxaaleeyyii Faannoo kan birmadummaa Oromiyaa sarbuun qe’ee Oromoo weeraran irratti tarkaanfii fudhachuun wabii nageenya ummataa mirkaneessuu caalaa mootummaa naannoo Amaaraa wajjiin waliigaltee Oromiyaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin waraanu mallatteesse.

Mootummaan Itoophiyaa bulchaa jiru Federaalizimiin saboota madda walitti bu’iinsaati jechuun naannoon guddichi biyyatti Oromiyaan haleellaa hidhattootaatiif akka saaxilamu taasisee Oromiyaa diigaa jira jechuun qeeqxoonni komatu.

Gabaasota walqabatan;

OMN: Biltsiginnaa: Ganamuu Sirna Federaalziimii fi Kaayyoo Oromoo

OMN: Haleellaa hidhattoota Somaaleetiin Booranatti namni 3 ajjeefaman.

OMN: Hidhattoonni Somaalee Oromiyaa irratti haleellaa banan.

OMN: Haleellaa hidhattoota Somaaleetiin Booranatti namni 3 ajjeefaman.

Tooftaan mootummaa Biltsiginnaa hidhattoota mootummaa naannoolee hidhachiisuun Oromiyaa weerarsiisuu kun tooftaa sirna federaalizimii sab-daneessaa ittiin diiganiidha jedhu.

Federaaliziimii sabdaneessa diiganii, sirna teessuma lafaa irratti hundaa’e ijaaruuf jalqaba Oromiyaa diiguun karooraa mootummaa aangoo harkaa qabuu ta’uu kan himan qeeqxonni, kanaaf dargaggoonni naannoo Amaaraa Oromiyaa keessa jiran giddu-lixiinsa mootummaa federaalaatiin nageenya ummata Amaaraa eeguu qabata jedhuun bara 2020 irra jalqabee hidhachiifamani jedhu.

Garichi hidhannoo mootummaan federaalaa hidhachisetti fayyadamuun bara 2020 irraa jalqabee bifa addaatiin weerara Oromiyaa irratti adeemsiseen Godinaalee Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Bahaa fi Shawaa Kaabaa keessatti ajjeechaa jumlaa, buqqaatii, saamicha qabeenyaa fi ukkaamsuu fayyadamuun miidhaa dhaqqabsiisee gandootaa dhibbootaan lakkaa’aman too’atee jira.

Itti fufuun Godinaalee lixaa Oromiyaa irraa gandoota qabatan keessatti Faannoo Ajaja Wallaggaa jedhamu hundeessanis mootummaa naannoo Oromiyaas ta’ee mootummaan federaalaa garee kana to’annaa seeraa jala olchuuf tattaafii qabatamaa hin taasifne jedhamuun komatu.

Gama biraatiin bara 1991 erga sirni federaalizimii sab-daneessaa caasseefameen naannooleen hundeeffamanii booda naannoon Somaalee gara Oromiyaatti babal’achuun lafoota hedduu Oromiyaa saamee jira.

Walitti bu’iinsaa fi gaafii abbummaa gandoota 463 kan daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee irratti argaman irratti bara 1993 as ka’aa ture deebisuuf Manni Maree Federeeshiinii Komishiinii dangaa garasitti bobbaasuun qorannaa erga taasisee booda Onkolooleessa 24 bara 2004 ALA tti waggaa 21 dura riifireendamiin adeemsifame.

Gandoota gaaffiin Abbummaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi mootummaa naannoo Somaaleetiin irratti ka’e keessaa buufanni Filannoo Aanaalee Erar, Gooroo Guutuu, Gursum, Liiban, Gola Odaa, Mayyuu Mulluqqee, Gurradhaamolee fi Barbaree keessatti hundaa’uun riifireendamiin gandoota 463 keessaa gandoota 422 keessatti adeemsifame.

Gandoota 39 keessatti sababoota adda addaatiin osoo hin adeemsifamin hafuu ragaan boordii filannoo irraa argannee ni mul’isa.

Reefireendamii mootummaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee jidduutti Onkolooleessa bara 2004 gandoota 422 keessatti adeemsifameen dhibbeentaan 80 ol naannoo Oromiyaa filatan. 

Haa ta’u malee naannoon Somaalee lafa Oromoo karaa reefirendamiitiin dhabe humna qawweetiin fudhachuuf tikfattoota hidhachiisee, hidhattoota meeshaa waraanaa ammayyaa hidhataniin deeggaree ummata Oromoo godinaalee Baale, Booranaa fi Harargee keessatti daangaa irraa buqqisuun lafa Oromoo qabataa ture.

Reefireendamii Onkolooleessa 24 bara 2004 ALAtti adeemsifame booda gandoota Oromiyaa jalatti akka bulan filatamanillee humnaan qabatan. Sana bira darbee gandoota heddu Moyaalee hanga Cinaaqsan, Dirree Dhawaa hanga Mi’eessoo qabatan.

Balbala Oromiyaa jedhamuun kan beekkamtu Moyyaalee mootummaan naannoo Somaalee bulchiinsa isaa jala olchuuf waggoota 21n darban haleellaa walitti fufaa, quubsumaa fi ijaarsa seeraan alaa raawwataa ture.

Tibbana ammoo Moyyaalee dabalatee lafoota hedduu godinaalee Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Booranaa fi Baalee irraa bulchiinsa isaa jalatti deebisuuf hojjataa jiraachuu isaa maddeen himani jiru

Mootummaan naannoo Somaalee bifa weeraraa fi walitti bu’iinsa daangaatiin aanoota naannoo Somaalee daangeessaan kanneen akka Gooroo Guutuu, Mi’eessoo, Maayyuu Mulluqqee, Gursum, Baabbilee, Miidhagaa Tolaa, Cinaaksan, Jaarsoo, Mooyyaalee, Liiban, Gurradhaamolee, Sawweenaa, Barbaree, Gola Odaa,  Areeroo, Madda Walaabuu, Daawwee Qaachan, Raayituu fi Laga Hidhaa irraa lafoota hedduu qabachuun ummata isaa irra qubsiisee jira.

Akka hawaasni aanota kanneenii OMNtti himanitti, hidhattoonni mootummaa naannoo Somaalee waan karaa seeraatiin dhaban weeraran argachuuf waggoottan 21 darban hojjataa turan.

Hawaasa daangaa irra jiru irratti waraana banuun buqqisani, lafa san irra qubatu, ammas xinnoo turani of dura siquun lafa biraa weerarani ummata Oromoo buqqisuun irra qubatuu jedhan.

Haala kanaan Aanaaleen hedduun gartokkee fi guutummaan weeraramani naannoo Somaalee jala galuu maddeen himani jiru.

Tibbana hidhattoonni mootummaan naannoo Somaalee bobbaase Godinaalee Oromiyaa Bahaa Magaalaa Dirree Dhawaa, Mi’eessoo, Bordoddee, Gooroo Guutuu akkasuma Godina Booranaa Aanaa Dhasii keessatiti haleeellaa raawwataniin miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyaa irraan gahani jiru.

Daangaan Oromiyaa dhiigaa fi lafee ummata Oromootiiin sararame dantaa siyaasaa garee aangoo harkaa qabduu jechaaf sarbamaa jira kan jedhan qaamoleen hawaasa, ummanni Oromoo daangaa Oromiyaa dhiigaa fi lafee isaatiin sarare deebisee kabachiisuu qaba jedhan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

five × two =

Back to top button
Copy link