Afan OromoNews
Trending

OMN: Hiriirri Mormii Sarbama daangaa Oromiyaa waamamaa jira.

Daangaan Oromiyaa wareegamaan tikfama

Sarbama gama hedduun daangaa Oromiyaa irratti raawwatamu mormuun guutuu Oromiyaatti hiriirri jabaan waamamaa jira.

Oromoon bakka jiru sarbama daangaa Oromiyaa irratti godhamaa jiru, mootummaan Oromiyaa daangaa Oromiyaa tiksuu dadhabuu cimsee akka balaaleffatu yaamichi dhihaatee jira.

Dhimmi sarbama daangaa Oromiyaa bakka kamittuu raawwatamu dhimma Oromoo bakka kamuu jiruuti kan jedhan kutaaleen hawaasaa godinaalee Oromiyaa garaagaraa OMN’f yaada kennan, gamtaan baanee daangaa Oromiyaa, lafa Oromiyaaf falminaa jedhan.

Harka caalaan daangaa Oromiyaa kan sarbame keessattuu bulchiinsa biltsiginnaa jalatti akka ta’e dubbatan.

Bulchiinsa biltsiginnaa jalatti qaamoleen hidhatanii naannolee ollaatii bobbaafaman Oromoo kuma dhibbootaan buqqasanii, lafa Oromoo dhuunfatanii bulchiinsa irratti ijaarrataa jiru jedhan.

Gochaan mootummaa naannoo Somaalee tibbanaas kanuma akka agarsiisu himan.

Gabaasota walqabatan

OMN: Xiinxalla; Mootummaa Daangaa Oromiyaa Tiksuu Dadhabe.

OMN: Hidhattoonni Somaalee Oromiyaa irratti haleellaa banan.

OMN: Hawwii Oromiyaa Diiguu fi Weerara Daangaa

Mootummaan naannoo Somaalee hidhattoota bobbaasee Mi’eessoo hanga Dirree Dhawaa, Cinaaqsanii Hanga Moyaalee daangaa Oromiyaa seenee uummata buqqaasee lafa saamaa ture, lafoota sana irratti aanaalee haaraa hundeeffatee karaa mana marii naannichaan seereffate jedhu.

Kun marti gaaf ta’u, Caffeen Oromiyaa sagalee cufate, mootummaan Shimallis Abdiisaa harki keenya furdaadha jedhu uummatatti dhaadachuu malee, daangaa Oromiyaa tiksuuf bakka hin kenninee jedhan warri yaada kennan.

Ministirri muummichaa kan gaaf kaan ani Oromoodha jedhan Oromoodhaan bantii aangoo biyyattii qabatan, gaaffii dhimmoota garaagaraa irratti uummanni Oromoo barootaaf gaafataa ture deebisuu miti Oromiyaadhaa nurratti diiguuf deemaa jiru jechuun warri yaada kennan komatu.

Otoo heeyyama Ministira muummee Abiy ta’uu baatee qaamni daangaa Oromiyaa sarbee haadha Oromoo lubbuu baasuu fi lafa Oromoo saamuuf onnatu tokkoyyuu hin jiru jedhu.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

one × 1 =

Back to top button
Copy link