Afan OromoNews Analysis

OMN: Xiinxalla; Waranaa Siyaasaa babal'ifannaa Lafaa Somaalee fi Oromiyaa

Sarbama daangaa Oromiyaa fi babal'innaa Somaalee

Babal’inni mootummaan naannoo Somaalee gara Oromiyaa taasisaa jiru kaayyoo Siyaasaa Oromiyaa cabsuuti jedhan jiraattoonni godinaalee Oromiyaa naannoo Somaaleetin wal daangessan irra jiraatan.

Maanguddoon argaa dhageettii dhimma daangaa Oromiyaa irratti OMNf yaada kennan, daangaan Oromiyaa mootummaa Hayla Sillaasee keessa Luug, hudur, Ela -bardi gahaa jedhan. 

Booda irra gosti Ree Abdullee jedhamtu irra qubattee jedhan. Gosoonni Oromoo kanneen akka Garba, Gurraa, Garbii fi Ambii bal’innaan eenyummaa isaani dagachiifamuun akka Somaalee himatan taasifamuu maanguddoon kun ragaa bahu.

Somaaleen lafa bal’aa Oromiyaa karaa Harargee, Booranaa fi Baaleetiin jiru Gaalaan itti godaanuun qabataa turte kan jedhan maanguddoon kun, lafti diriiraan gammoojjii Baalee, Harargee fi Booranaa haala kanaan qabamaa turuu ibsan.

Kaartaan Oromiyaa ammaa kun gonkumaa qabiyyee lafa Oromoo kan ibsuu miti, lafti Oromoo bal’aan naannoolee biyyatti gargaaraatti muramuu ibsanii jiru.

Magaalaan Jijjigaa kan amma mootummaan naannoo Somaalee teessoo isaa taasifate magaalaa Oromiyaa ta’uu kan eeran maanguddoonni kun, bara 1991 yeroo mootummoonni naannolee hundaa’an Magaalaan Ogaadiin bu’uraalee misoomaa waan hin qabneef ergisaan OPDOn naannoo Somaaleetiif kennitee jedhan.

Magaalaan ergisaan Somaaleef kennamte har’a akka waan lafa qabiyyee Somaalee taateetti hubatamtee jedhan.

Gabaasota walqabatan;

OMN: Hiriirri Mormii Sarbama daangaa Oromiyaa waamamaa jira. 

OMN: Xiinxalla; Mootummaa Daangaa Oromiyaa Tiksuu Dadhabe.

Itoophiyaa biyyoota Afrikaa liqaa guddaa fudhatan keessa tokko

Mootummaan naannoo Somaalee gargaarsa sirnoota darbaniitiin daangaa Oromiyaa saamaa ture Dirree Dhawaa fudhachuuf socha’aa jira.

Karaa Baaleetiin Aanonni gammoojjii hedduun loltoota mootummaa naannoo Somaaleetiin lolli irratti baname lafoonni kiloomeetira hedduun lakkaa’aman qabamani jiru.

Aanonni akka Gurra Dhaamolee, Sawweena, Raayituu, Madda Walaabuu, Daawwee Sarar fi kanneen biroo Aanota irra deddeebiin hidhattoota Somaaleetiin weeraramaniidha.

Karaa Harargeetiin Mi’eessoo, Bordoddee, Maayyuu Mulluqqee, Gooroo Guutuu, Jaarsoo, Gursum, Baabbilee, Miidhagaa Tolaa, Cinaaksan yoo ta’an gama Booranaatiin Moyyalee, Liiban, Areero, Dhasii fi kanneen biroo irratti waraanni waggoota hedduuf banamee adeemsifamaa jira.

Waraanni godinaalee Oromiyaa naannoo Somaaleetiin waldaangeessan irratti baname kun waraana tooftaa haleelani ummata buqqisuun ofii irra qubachuuti.

Oromiyaan guddoon saamamtee dhiphattee jirti. Bara 2017 hawaasni Oromoo naannoo Somaalee keessa jiraatuu fi daangaa irra jiraatuu miliyoonaa 1 ol buqqa’e.

Lafoota ummanni Harargee, Boorana fi Baalee keessatti daangaa irraa buqqa’e kan qabate Somaalota.

Maanguddoon argaa dhageettii bara 1991 keessa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjiin naannoo kana keessa socha’aa turan lafoonni akka Ilka Harree (Elkarree) Godee, Majjiirtee, Shishooree, Ali, Wanaag, Shekaastaa, Timaasoo, Adankeer, Galaan Godaante, Gaara Bur fi kanneen biroo hedduun lafa Oromoo irraa fudhatamteedha.

Somaalee Gaalaan Godaantee lafa Oromoo irra qubatti kan jedhan maanguddoon argaa dhageettii, Gosti takka naannoo tokko yoo qubatte gosti bira ammoo gosa san bira darbitee lafa Oromoo irra qubatti jedhan.

Haala Kanaan lafa Oromoo bal’aa qabatani erga fixani amma lafa ummanni irraa jiraatuu fi lafa qonnaa qabachuuf ummata irratti lola banani lafa qabataa jiru.

Tibbana ammoo mootummaan naannoo Somaalee caasaa bulchiinsaa haaraa diriirsuun Moyyalee dabalatee Aanaa Gurradhaamolee keessaa Haroo Dibbee magaalaa Godina Gurradhaamolee naannoo Somaalee taasisuun labsuu jiraattoonni himan.

Jiraataan Aanaa Gurradhaamolee irraa OMN dubbise kana dura hidhattoonni mootummaan naannoo Somaalee bobbaase daangaa cee’uun magaalaa Haroo Dibbee irratti waraana banuu ibsuun, ummata Oromoo buqqisanii ummata Somaalee keessa qubsiisanii jedha.

Adeemsa keessa mootummaan naannoo Somaalee lafa Oromoo fudhachuun ofii bulchuu eegalee jedha. Tibbana caasseefama bulchiinsa haaraa mootummaa naannoo Somaalee labseen Magaalaa Haroo Dibbee magaalaa Guddoo Godina Gurraadhaamolee naannoo Somaalee gochuun labsee jedha. 

Itti fufuun Aanaan Gurraadhaamolee guutuun godina kana jalatti akka hammatamtuuf dhiibbaa taasisaa jiraachuu maddeen himani jiru.

Haaluma walfakkaatuun jiraataan aanaa Cinaaqsan OMN’f yaada kenne, aanaa Cinaaqsan keessaa araddoota hedduutu humnaan naannoo Somaaleetiin qabamee amma seeraan naannoo Somaalee jalatti caasaa mootummaa naannoo Somaaleetiin gurmeeffamaa jira jedhe.

 

Araddaaleen Hulluuqoo, Bilaalee, Araaraaf, Warra Dodoo, Dhaweeyisaa, Qaligaa Warra Sa’iyyoo, Darbilee, Tamaam, Caffee Baaduu, Elaa Agamsaa, Kululoo, Elaa Ahmaar, Hossoolee, Jirilee, Feraad, Dhuhlaaleyii fi Gelboob jedhaman nurraa fudhataman jedhan jiraattonni.

Araddoonni kunneen waggoottaniif yaalii humnaan naannoo Somaalee jala galchuu ofirraa ittisaa turan, amma garuu naannoon Somaalee mootummaa federaalaan deeggaramee naannoo Somaalee jalatti akka caaseffaman taasisaa jiraachuu jiraattonni OMN dubbise himan.

Boorana irraa magaalaa Moyyalee kan balbala Oromiyaa jedhamuun beekkamtu mootummaan naannoo Somaalee bulchiisaa isaa jalatti cassessee jiraachuu jiraattoonni himan.

Kana hordofee ummanni Oromoo Booranaa kaleessa irraa jalqabee hiriira mormii adeemsisaa jira.

Lafti lafee keenya, daangaan Oromiyaa haa kabajamuu, mootummaan naannoo Somaalee babal’inna daangaa haa dhaabuu, mootummaan naannoo Oromiyaa birmadummaa daangaa Oromiyaatiif xiyyeefannaa haa kennu, calleensa mootummaa naannoo Oromiyaa ni babaleefannaa kanneen jedhan dhaadannoo ummanni dhageesisaa jiruudha.

Hiriirri mormii sarbamiinsa daangaa Oromiyaa kun guutuu ummata Oromoo hirmaachisuu akka qabu kanneen OMNf yaada kennan himani jiru.

Dhimmi daangaa dhimma waloo Oromoo maraati jedhan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

18 + 6 =

Back to top button
Copy link