Afan OromoNews
Trending

OMN: Babal'ifannaan lafaa M/Somaalee Egeree Oromiyaatiif yaaddoodha

Dubbiin lafaa dubbii lafeeti.

Babal’ifannaan lafaa mootummaa naannoo Somaaleetiin Oromiyaa irratti deemaa jiru egeree uummata Oromootiif balaa guddaadha jedhan kanneen OMN’f yaada kennan.

Kutaaleen hawaasaa naannoo Oromiyaa yaada isaanii kennan mootummaan naannoo Somaalee tibbana uummata godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaksan marfama keessa galchuuf waanti hojjataa jiru akkaan ulfaataa ta’uu himan.

Mootummaan naannoo Somaalee humnoota hidhatan bobbaasee uummatichatti karaa cufaa akka jiru kan himan jiraattonni aanaa Cinaaksan, ta’e jedhanii aanaa sana Oromiyaa irraa kutuuf irratti hojjataa jiru jedhan.

Mootummaadhuma mootummaa federaalaa fi mootummaa Oromiyaa waliinin hojjadha jedhutu asdeebi’ee hojii biraatti jiraa jedhan.

Karaa godina Baaleetiin immoo mootummaan naannoo Somaalee Godina Gurra Dhaamolee jedhee magaalaa naannoo Oromiyaa keessa jirtu kan Haroo Dibbee jedhamtu teessoo godinaa godhachuu jiraattonni OMNtti himan.

Magaalaan kun karaadhuma kamiinuu naannoo Somaalee kan hin daangessine ta’uu eeranii, gandoonni hedduun aanaa Gurra Dhaamolee magaalaa Haroo Dibbee kallattii maraanuu marsanii jiran gandoota Oromiyaa jalatti bulan ta’uu dubbatan.

Magaalaan gandoota baadiyyaa naannoo Oromiyaatiin kallattii maraan marfamtee argamtuu fi naannoo Oromiyaa keessa jirtu magaalaa godinaa naannoo Somaalee jedhamee akkaataan itti labsame hibboo guddaa dha jedhu jiraattonni.

Kaayyoon naannoo Somaalee magaalattiin yoo raggaasifamteef gandoota naannawaa sanaas dhuunfachuu akka ta’e  jiraattonni dubbatan.

Kun marti gaaf ta’u Shimallis Abdiisaa pirezidaantii naannoo Oromiyaa, Abiy Ahimad ministira muummee biyyaa, jarri kun nuti ilmaan Abbaa Gadaati ofiin jedhu jedhan jiraattonni yaada isaanii kennan.

Jarri kun gaaf rakkoon dhufe Oromoo ofwaliin hiriirsuuf Abbaa Gadaa maqaa dhahatu, kan biraa haa hafuu lafuma keenya naannoo ollaatiin saamamaa jiruu nurraa hin dhaabsisan jechuun komatan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

20 − 11 =

Back to top button
Copy link