Afan OromoNewsPoliticsWorld

Ameerikaa Kaballaan diimeessine Ayaatolah Ali Kaameni

Iraan fi Ameerikaa

Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatolaah Alii  Kaameniin Iraan Israa’el  fi Ameerikaa injifattee jedhan.

Ayaatolaah Kaameeniin barreeffama X irratti barreessaniin baga gammaddan jechuun biyya isaanii jajan.

”Injifannoo jaallatamtuu Iraan bulchiinsa Ameerikaa irratti gonfatte,” jedhan.

Ameerikaan ”waraana kallattii kan seenteef, yoo seenuu baatte bulchiinsi  Israa’el akkuma jirun waan barbadooftuufidha.”

Itti dabaluun Ameerikaan waraana kana keessatti ”waan milkeessite homa hin qabdu,” jechuun, Iraan ”injifachuu” fi ”fuula Ameerikaa kaballaan diimeessuu” dubbatan.

Gabaasota walqabatan

Waldorgommiin meeshaa waraanaa niwukilarii addunyaa garam geessa?

Raafama Siyaasaa fi Waraanaa Baha Giddugaleessa

Waraana Iran fi Israa’el

US, haleellaa buufataalee Niwukilaraa irratti raawwatteen ”homaa tokkoyyuu hin buufanne” jedhan.

Haa ta’u malee Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haleellaa wiirtuuwwan Niwukilaaraa Iraan irratti raawwanneen Iraan ammaan boodaa yaaddoo baha giddugaleessaa akka hin taaneetti barbadeessinee jedhan.

Sanadni dhoksaa Pentaagoon keessaa bahe haleellaan Ameerikaan raawwatte miidhaa gabbisa Niwukilaaraa Iraan irraan kan hin geenne ta’uu ibsa.

Doonald Tiraamp garuu ”Seenaa keessatti haleellaa milkaa’aa US raawwatte gadi xiqqeessuuf gabaasa miidiyaalee baheedha” jedhan.

Ministirri Ittisaa US, Peetee Heegiz, gabaasa Peentagon bahe jedhame dhuga miti jedhaniiru.

Waanti haleelame gaara jalatti awwaalameera, barbadaa’eera,” jedhan.

Daarikterri CIA Joon Raatkiliif, gabbisni niwukilaraa Iraan ”akka malee miidhamuu isaaf ragaa basaasaa gahaa qabna” jedhan.

Gama biraatiin Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon, Ejensiin Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) ergama isaa Iraan keessaatti akka deebi’ee eegaluuf hayyamamuun hatattamaan ta’uu qaba jedhan.

Ejansichi ”nageenya niwukilaaraatiif murteessaadha” jechuun ibsan.

Jalqaba baatii kanaarratti ammoo, Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa Iraan ”walta’insa waliigalaa dhabuun” qeequun, Yuuraaniyeemii qulqullina %60 ta’e gabbiisaa jiraachuu, kun ammoo sadarkaa meeshaa waraanaa ittiin omishuutti dhihoo kan ta’e fi boombii niwukilaaraa sagal hojjechuuf akka qabdu ibseera.

Yuraaniyeemiin Iraan baay’ee gabbate haleellaa irraa hafuun ammayyuu jiraachuu akka malu Ejansiin Atoomikii dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti gaggeessaa Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) kan ta’an Raafaa’eel Giroosii Iraan yuraaniyeemii gabbiste haleellan jalqabaa akkuma gaggeeffameen bakkichaa miliqsuu akka maltu dubbachuu isaanii Rooyitars gabaase.

Lola guyyaa 12 Israa’elifi Iraan gidduutti gaggeeffameen Israa’el irra deddeebin buufataalee niwukilaraa Iraan haleeltee turte. Booda ammoo US buufataalee kana boombii ulaa lafa jalaa uree seenun haleelte. Haa ta’u garuu, wiirtuwwan gabbisa niwukilaraa Iraan kanneen irratti miidhan qaqqabe hangam akka ta’e ifa miti.

Gaafa Waxabajjii 13 Israa’el haleellaa gaggeessite sana Iraan meeshaalee niwukilaraashee oolchuuf jecha “tarkaanfii addaa akka fudhattu” IAEA beeksisuushee gaggeessan ejansichaa himan.

“Akkas jechuunsaanii [warri Iraan] maal jechuu akka ta’e bal’inaan hin ibsine, garuu hiikni isaa ifatti akkasuma [yuraaniyeemii gabbifame] baasuu jechuusaaniti. Kanaaf, meeshaan kun [yuraaniyeemin] achi jira jennee yaaduu ni dandeenya,” jechuun dubbatan Raafa’eel Giroosii ibsa gaazexeessitootaf kennaniin.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

8 + fifteen =

Back to top button
Copy link