Afan OromoNewsWorld

Waldorgommiin meeshaa waraanaa niwukilarii addunyaa garam geessa?

Waldorgommiin meeshaa waraanaa niwukilarii addunyaa garam geessa?

Gabbisni Yuuraaniyeemii fi hidhannoon Niwukilaraa wantoota muddama baha giddugaleessaa hammeessanii fi biyyoota addunyaa Niwuukilaaraa hidhatanii fi hin hidhanne jedhamee bakka lamatti qoode jedhu xiinxalttoonni dhimma waraanaa fi meeshaalee waraanaa xiinxallan.

Saayintistoonni akka Albarti Anistaayin, Roobart Oppinhimeer, Liyoo Sizilaard, Enrikoo Fermii, Feels Bohr, Richaard Feyinmaan, Edwaard Teller fi Jeneraal Lislee Giroov bara 1938 hanga 1942 karaa garagaraatiin meeshaa balaafamaa addunyaa tana balleessuu danda’u uumani jiru.

Albart Anistaayin meeshaa Annisaa maddisiisu uumuuf yaadus dhuma irratti Ameerikaan dhimma waraanaatiif olchuun magaalota Jaappaan Hirooshimaa fi Nagaasaaki ittin barbadeessite.

Abbaa Boombii Atomikii jedhamuun kan beekkamuun daarektarrii dhaabbata saayinsii The Manhattan Project jedhamu Roobart Oppinhimeer yeroo waraana addunyaa 2ffaa Boombii Atomikii tolchuun “Ani amma du’a addunyaa kana balleessu ta’ee jira” jedhe.

Meeshaan waraanaa niwuukilaraa meeshaa balaafamaa humna cimaa qabuu fi dhohiinsa guddaa uumuun badii guddaa qaqqabsiisuu danda’udha.

Gabaasota walqabatan:

Waraana Iran fi Israa’el

Raafama Siyaasaa fi Waraanaa Baha Giddugaleessa

Haleellaa Iraan buufata waraanaa USA irratti raawwattee fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu Doonald Tiraamp

 

Atoomiiwwan garaagaraa diddiigamuun ykn walitti dabalamuun anniisaa kan argatan yoo ta’u, Kanaaf meeshaaleen waraanaa niwukilaraa boombii atoomawaa (atomic bomb) jedhamuun waamamu.

Akka ogeeyyiin niwukilaraa jedhanitti Sochii uumama niwukilaraa keessatti niwutirooniin tokkoo yuraaniyemii gabbifame- Yuraaniyeemii-235 seenuun jeequmsa uuma.

Kun ammoo yuraaniyemiin 235 gara yuraaniyeemii-236tti geeddaramuun akka jeeqamuu fi tasgabbii akka dhabu taasisuun Sochii guddaa eegala.

Yeroo kana niwukilasiin hundi lama, lamatti ba’uun anniisaa yoo uumu, niwutirooniiwwan jeequmsa uuman kunneen niwukilasii gargar babaasuun alatti qoqqoodamiinsa niwukilasii kana keessa ofiifis dhohuun wiirtuu yuraaniyemii hedduu waliin walitti bu’iinsa uumu jedhu.

Niwutirooniiwwan saffisa guddaan imalan wal nyaatinsa uumamurraa anniisaa argatan gara caalu (99%) qabatanii fiigu.  Garuu osoo niwukiilariin yuraaniyemii waliin walitti hin bu’in saffisi isaanii tasgabbeeffamuu akka qabu dhaamu.

Boombiin niwukilaraa boombiiwwan akkaan balaafamaa fi humna cimaa qabu dha. Dhohiinsi boombiin niwukilaraa uumu baay’ee cimaadha. Boombiin niwukilaraa tokkichi magaalaa tokko barbadeessuu danda’a.

Meeshaaleen waraanaa niwukilaraa dhohuun balaa uumuu qofa osoo hin taane, Carallaan (radiation) isaan gadhiisanis baay’ee balaafamoodha akka ta’e qorannoon ni mul’isa.

Dhaabbanni Saayinsii Ameerikaa The Manhattan Project jedhamu bara 1942 Boombii Atoomikii jalqabaa hojjachuu hordofee Hagayyaa 6 bara 1945 Ameerikaan Magaalota Jaappaan 2 Hirooshimaa fi Nagaasaaki irratti boombii Atomikii darbachuun dhumaatii balaafamaa addunyaa kanaa dhaqqabsiisan.

Boombiin atomikii tokko magaalaa takka keessatti yoo bu’e humna magaalaa san diigu qaba.

Haleellaa Niwukilaara Ameerikaan Hirooshimaa fi Nagaasaaki irratti raawwatteen Hiroomishimaa keessatti namoota kuma 350 keessaa kuma 140 dhumani jiru. Haaluma wal fakkaatuun Nagaasaaki keessatti namoonni kuma 70 ol yeroo takkatti ajjeefamani jiru.

Miidhaan boombiin atomikii dhaqqabsiisu yeroo san qofatti kan dhaabbatu osoo hin taane waggootaafis naannicha keessatti balaa guddaa hordofsiisuu isaati.

Haaluma kanaan magaalota Jaappaan kanneen keessatti hanga ammaatti namoonni hedduun qaam hir’uu ta’anii dhalatu.

Balaa meeshaan waraanaa kun addunyaa irratti dhaqqabsiisuu fi guddinna sadarkaa isaa irraa kan ka’e biyyoonni addunyaa kana irratti humna jabaa qaban, bifa wal dorgommii fakkaatuun boombii atomikii hidhataa jiru.

Addunyaa irratti biyyoonni sagal meeshaa waraanaa niwukilaara badii guddaa qaqqabsiisu qabaachuun isaanii ifatti beekama.

Federeeshiniin Saayintistoota Ameerikaa (FAS) gabasaa niwukilaaraa addunyaa waggaa waggaan baasu, kan bara 2025 tibbana ifoomse irratti yeroo ammaa biyyoonni sagal kaan seeraan kaan immoo seeraan ala niwukilaara walumagalatti tilmaaman 12,331 qabu jedhe.

Akka Federeeshinichi jedhutti biyyoonni shan Biriiteen, Chaayinaa, Faransaay, Ameerikaa fi Raashiyaa meeshaa niwukilaraa qabachuu isaanii fi meeshicha akka hin babal’ifne waliigaluun beekkamtii qabu.

Garuu biyyoonni afur Hindii, Paakistaan, Israa’elii fi Kooriyaa Kaabaa ammoo meeshaa waraanaa kana seeraan ala hidhatanii jiru.

Lakkoofsi niwukilara biyyoota addunyaa kana keessa jiru kan yeroo Waraana Addunyaa Ololaa (Cold war) niwukilaara 60,000 tti tilmaamu irraa hedduu gad hir’atus, niwukilaarri amma jiru addunyaaf balaa ta’uu yaaddoo akka qabu Federeshiniin Sayiintistoota Ameerikaa ibse jira.

Fakkeenyaaf, doonii bishaan jalaa Ameerikaa tokko qofa irratti niwukilarri argamu, boombii atoomikaa lamaan yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti Jaappaan irratti darbatame dachaa torba caala. Akkasumas Ameerikaan dooniiwwan bishaan jalaa niwukilara hidhatan akkasii 10 ol qabdi.

Kana malees, humnoota niwukilara gurguddoon Ameerikaa, Raashiyaafi Chaayinaa dabalatee, biyyoota biroo gidduutti haala wal dorgommii fakkaatuun guddisaa jiru.

Dorgommiin meeshaa waraanaa guddichaa kun ammoo yaaddoo guddaa Addunyaa kanaati. Federeeshiniin Saayintistoota Ameerikaa akka tilmaametti Raashiyaan niwukilara gara 5,977 qabaachuun addunyaa irraa sadarkaa jalqabaa irratti argamti.

Ameerikaan ammoo niwukilara gara 5,428 qabaachuun itti aanti. Kan itti aanan Chaayinaan 350, Faransaay 290, Biriteen 225, Paakistaan 165, Hindiin 160, Israa’el 90 fi Kooriyaan Kaabaa 20 qabu. Akka Federeeshiniin Saayintistoota Ameerikaa jedhutti, niwukilara guutuu addunyaa keessaa tilmaamaan harka 88 kan ta’u Raashiyaa fi Ameerikaa keessatti argama.

Iraan kan baha giddugaleessaa keessatti Yuuraaniyeemii gabbisaa jirtuu fi Ameerikaa Nikulaara oomishaa jirti jechuun qoqqoobbii diinagdee fi meeshaa waraanaa irra keette, meeshaa niwukilaaraa qabaachuun ishee hin mirkanoofne.

Dhaabbani niwukilaraa to’atu kan Dhaabbata Niwukilaara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti Ejensii Humna Atoomikii Idil-addunyaa Yuuraaniyeemiin Iraan gara toonii 5.5 akka ture fi dhibbentaa 60 ol ta’u gabbachuu ibsee jira.

Mootummaan Ameerikaa hidhaannoo Niwulaaraatiin Addunyaa irraa 2ffaa irratti argamu biyyoonni biroo hidhannoo kana akka hin hidhanne dhiibbaa uuma.

Iraan Gabbisa Yuuraaniyeemii bal’aa qabaachuu wajjiin wal qabatee haleellaa Israa’el waxabajjii 13 wiirtuuwwan Niwukilaaraa fi buufatawwan waraanaa ishee irratti raawwachuu hordofee, Ameerikaanis Wiirtuuwwan Nikulaaraa ishee Fordoo, Natanz fi Isfahaan jedhaman irratti haleellaa raawwatte.

Ameerikaan haleellaa kanaan gabbisa Niwukilaaraa Iraan barbadeesse jettus, Iraan garuu meeshaan gabbisa Niwukilaaraa koo hin xuqamne dursee bakka sochoosee jetti.

Bara 2003 Ameerikaan biyya Saadaam Husseen Iraaq boombii atomikii omishaa jirti jechuun barbadeessite.

Ammas baha giddugaleessaa keessatti Iraan omisha niwukilaaraa irra jirti jedhamuun haleellaan irratti raawwatamaa kan ture yoo ta’u, ajandaan hidhannoo boombii atomikii qormaata tasgabbii baha giddugaleessaa ta’ee jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

sixteen + one =

Back to top button
Copy link