Afan OromoNewsNews Analysis

OMN: Arsiin Maal Balleesse? Yaada namootaa.

Miidhaa Arsii irra gahaa jiru.

Bu’aan siyaasaa haadha Oromoo boochisuun argamu akka hin jirre rogeeyyii fi qaamoleen hawaasaa himan.

Hayyoonni, namoonni siyaasaa, rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa, artistoonni, barattoonnii fi fayyadamtoonni midiyaa hawaasaa haleellaa ummata irratti raawwatamuun bu’aan siyaasaa argamu akka hin jirre himan.

Tibbana haleellaan, ajjeechaa fi buqqaatiin ummata Arsii irratti raawwatamaa jiru ijoo dubbii ta’ee jira.

Yakki ummata nagayaa irratti raawwatamaa jiru kun ijoo dubbii midiyaa hawaasaa ta’ee jira.

Namoonni hedduun yakka ummata nagayaa irratti raawwatamu miidiyaa hawaasummaa irratti balaaleefataa jiru.

Mootummaa Itoophiyaa mormuun kan beekkamuu fi xiinxallaan siyaasaa Jawaar Mohaammad dhimma kana ilaalchisuun yaada mata duree Urane Buqqisuu jedhuun Facebook irratti barreesseen, “qe’ee ummataa gubuun tooftaa farra-riphee lolaa mootummoonni Itoophiyaa dhufaa dabraan fayyadamaa turaniidha” jedhe.

Yaadni isaa akkana kan jedhe Jawaar Mohaammad riphee lolaan mindaafi raashina waan hin qabneef, nyaataafi dhugaatiif ummata keessa socho’u irratti hirkata. Kanaafuu qe’ee ummata riphee lolaan keessa socho’uu san barbadeessuun, ummanni akka baqatu gochuun, riphee lolaa hagabsee dadhabsiisee naannaa sanii akka faagatu taasisaadha jedhe.

Bara Haylasillaasee sochii kun ummata Baalee, Raayyaa fi Eritiriyaa akkasuma Dargii keessa Harargee Arsii fi Baalee Tigraayitti Maqaa Mandar Misrataa jedhuun itti fayyadamaa ture jedhe.

Bara Wayyaanees Harargeefi Baaletti gochi  kun itti fufuun,  qondaalonni waraanaa OPDO, tooftaa kanaaaf maqaa ‘URANEE BUQQISUU jedhu laataniif kan jedhe Jawaar, bara Biltsiginnaas hin dhaabbanne jedhe. 

Angoo dhuunfatanii osoo hin turin godinaalee Wallaggaa, Gujiifi Booranatti manneen ummataa gubuu eegalan.

Kan Fiqaaduu Tasammaa “qurxummii balleessuuf haroo gogsuu” jechuun walgahii Caffee irratti dubbates tooftaadhuma kana. Har’as Shawaa Bahaa, Arsiifi Harargee Lixaatti itti fufanii jiran jechuun barruu isaa goolabe.

Artiist Shukrii Jamaal “Ummanni Keenna Tapha siyaasaatif qoraan ta’uu hin qabu, Qaamni siyaasaa kamuu  Haadha teenna akka  Ajjeesu Hin Barbaannu bu’aa isaan boochisuudhan dhufus hin barbaannu” jedhe.

Qee’een keenna Guutuudha kan jedhe Artist Shukrii Jamaal,  “nu hin hir’isinaa nun hin hiraarsinaa nu buqqisinaa” jechuun barreesse.

Obboleeyyan  wal ajjeesu, kan ajjeese badhaasa Hin qabu, Mana haadha keessanii keessatti wal lollatanii Haadhaaf ilmaan hin fixinaa jedhe.

Harki wal nyaatu harka malee hafa jechuun barreeffama isaa kan goolabe Shukrii Jamaal, wal waraanuu yoo barbaaddan bobaa haadha Oromoo jalaa bahaa dirree irratti wal waraanaa jechuun dhaamee jira.

“Maaloo ummata kana dhiisaa” jechuun kan jalqabde Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa kennee, Kana dura yakki hamaan ummata Wallaggaa irratti raawwate amma gara Arsii irratti xiyyeeffachuun lubbuu qulqqulloota irratti qoosama jira. Darara, miidhama fi buqqaatin ummata nagaa takka irratti raawwatee hin beekne ta’aa jira jette.

Lafa nagaa fi ummata nagaan ba’ee galaa ture amma nageenya dhowwun qaamni quba walitti qabuu anaaf hiika hin qabu kan jette Masarat Dhaabaa, Nageenyi ummata kamuu eegamuu kan qabu mootummadhani. Hawaasichis itti gaafatamummaa guddaa qaba. Ummatichi qaama yakka irratti raawwacha jiru sodaa tokko malee sagalee isaa ol kaasee iyyaachu qaba. Duuti kanaa olii hin jiru waan ta’eefi jette.

Hayyuun amantii Islaamaa Ustaaz Ibsaa Hasan, “qe’een Leenjisoo Diigaa diigamaa jirti; qe’een Nadhii Gammadaa nadhii nageenyaa dhabdee, duguuggaa dhandhamaa jirti”jechuun waan Arsii keessatti ta’aa jiru ibsan.

Arsiin Sikkoo fi Mandoo kaleessa saba kanaa fi biyya kanaaf jecha harkaa fi harma murame, dhiiga qaaliin gumaacha lubbuu kaffalee saba kanaaf hiixate. Arsii beela hin beekne,callaa garbuuf qamadii hammaaru,dhadhaa fi aanan habbuuqqatu…har’a ummata aanan obaasaa ture santu, ibidda dhugaa jira, Maatiin dhibbaatamni afaan qawwee jalaa hafe qe’ee fi qabeenya isaa guutuu dhabee, har’a alatti yaa’ee jira jedhan.

Harmetu gaara qorraa keessatti dahaa jira, manguddootu wayaa fi wayyaa malee ala bule. Arsiin kaleessa hammatee sabootaa fi amantiilee meeqaan wajjin jiraachaa ture, galanni isaa harka keessaa nyaatan nyaatuu ta’e, olola miidiyaa irratti gaggeeffameen maqaan isaa xuraa’e jechuun barreessan.

Rogeessi siyaasaa fi qabsaa’aan qabsoo bilisummaa Oromoo  Yaayaa Bashiir “Arsiin maal balleesse? jechuun gaafii jalqabe.

Tibbana duula gosa lamatu ummata keenya Arsiirratti deemaa jira kan jedhe Yaayaan, Kan duraa qaamota Oromoo mormituu fi mootummaatti wal qoodee wal waraanu. Duulli lammaffaan ammoo maqa balleessii ummata keenya Arsii irratti xiyyeeffatee deemaa jiru dha. Kana lachuu ofirraa dhaabsisuuf Oromoon sagalee walii tahuu hanqachuun garaa nama nyaata jedhe.

Humni siyaasaa Oromoo akka waan abaarsa qabuutti diina waloo osoma ofirratti arguu xiiqii fi hinaaffaadhaan guutamee walirratti bobba’uu filate.  Warri Oromoo kana akka bulguutti dhiheessuu barbaadu ammoo Arsii keessatti akka waan jibbi amantii fi saboota biroo irratti xiyyeeffate dhalatetti olola haalaan qindaawe sadarkaa addunyaatti oofaa jiru. Humnoonni siyaasaa Amaaraa, hayyonni  isaanii, miidiyaaleen harkaa qabanii fi rogeeyyiin isaanii cufti akkuma barsiifatanitti sagalee tokkichaan Oromiyaa, addatti ammoo Arsii maqaa xureessuu irratti bobba’ani jiru jedhe Yaayyaan barreefama Facebook irratti maxxanseen.

Maneen amantii Ortodoksii fi hordoftoota amantichaa irratti balaan guddaan dhaqqabaa jira maqaa jedhuun Oromoo hamaa fakkeessanii dhiheessuuf fiigaa jiru. Kana irratti hawaasa addunyaa dirmachiifachuuf hojii bal’aa hojjechaa jiru. Ragaa walitti qabanne jedhanus qaamota akka Gamtaa Awrooppaa (European Union) amansiifatanii ibsa jabaas baasifataniiru. 

Itoophiyaa keessaa Oromiyaatti, addatti ammoo Arsii maqaa dhawuun akkuma kaleessa Wallaggarratti raawwatan ammas duulaa jiru. Duula isaanii kana fashalsuun oduu qofaanis hin tahu. Akkuma isaan waan ragaadhaan deeggarame himataa jirra jedhan gama Oromoonis ragaa qulqullummaa ummata keenyaa mirkaneessu walitti qabachuudhaan dura dhaabbachuutu barbaachisa ture jedhe.

Oromoo Arsii irratti balaan gama biraan dhaqqabaa jirus osoma mul’atuu sagalee isaaf iyyu dhabuun nama gaddisiisa kan jedhe Yaayaa Bashiir, Walwaraansa bilaasha mootummaa fi riphxee loltoota gidduutti deemaa jiruun ummanni nagaan kumootatti lakkaawamu manarraa buqqa’ee jira jedhe. 

Dhaanamaara, saamamaara. Ummanni kaleessa harka bal’isee kan fagoorraa itti dhufu kamuu loogii tokko malee simatee nyaachisuu fi obaasuun beekamu amma ofii isaafuu ilmaanuma isa keessaa baateen qeheen irratti gubatee dirree irratti hafaa jira. 

Wayta Oromoon akkasitti walirratti bobbahee qeheedhuma isaa goolu, alagaan ammoo hunda isaa Oromummaadhaan walitti qabee diinomfatee mooyyee tokkotti tumaa jira jechuun Keessattuu Oromoon Arsii gonkumaa jibba amantii kamiinuu maqaan isaa dhawamuuf hin malu jedhe.

Oromoon Arsii Gosa tokkicha tahee amantiilee Islaamaa, Kirstaanummaa Ortodoksii, Kiristaanummaa Protestaantii fi Waaqeffataa tahee rakkoo tokko malee akka maatiitti waliin jiraata jedhe.

Gara laafinaa fi duudhaa Oromoo ganamaatti cichuu isaatu aadaa ajaa’ibaa kana isa badhaase jedha Yaayaa Bashiir waa’ee Arsii yoo dubbatu.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

seven − 1 =

Back to top button
Copy link