Afan OromoNewsNews Analysis

Akkaataa heera mootummaa irratti tumameen Finfinneen qaama Oromiyaatii jedhe ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii.

Akkaataa heera mootummaa irratti tumameen Finfinneen qaama Oromiyaatii jedhe ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii.

Akkaataa heera mootummaa irratti tumameen Finfinneen qaama Oromiyaatii jedhe ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii.

Ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii dhimma magaalaa Finfinnee fi caasseefama magaalaan Finfinnee Heera Mootummaa Keessatti Qabduu fi Dhimma Finfinnee Naannoo Taasisuu bal’innaan barreessee jira.

Xiinxalli Ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii kutaa jalqabaa keessatti “Heerri mootummaa keewwata 49 irratti mat-duree waa’ee magaalaa guddoo biyyatti jedhu tumee jira” jedha.

Keewwatuma 49 (1) jalatti immoo Finfinneen magaalaa guddittii Mootummaa Federaalaa ta’uu ifaan ni tuma. Dhimma kanaan walqabatee gaaffiin magaalaan Finfinnee caaseffama federaalizimii heera mootummaatiin hundaa’e keessatti qabdu maali? kan jedhu beekamuu qaba jedha.

Federaalizimiin heeraan hundaa’e akka qaama federaalizimichaatti kan beeku naannolee bu’uura heerichaa keewwata 47 (1) tarreefamanii fi 47 (2&3) akkasumas 39 (1)tiin ulaagaa heerichi kaa’u guutanii hundeeffaman qofadha kan jedhu ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii, Akkaataa kanaan Finfinneen sadarkaa naannoo jedhamtee keewwata heera 47 (1) akkasumas boodarraa bu’uura keewwata  47 (2&3) fi 39 (1)tiin wanti naannoo ishee taasisee hundeesse hin jiru jedha.

Erga Finfinneen caaseffama federaalizimii heerichaatiin sadarkaa naannoo jedhamu hin qabaannee sadarkaan ishee maalidha? kan jedhu keeyyata 49 xinxiluun barbaachisaadha jechuun akeeka.

Keewwata 49 addatti immoo keewwattoota xixiqqaan 2 hanga 5 jiran  bifa hiikkoo dhama-qabeessa (reasonable interpretation) jedhuun gaafa ilaallu, jalqaba irratti keewwaticha kutaa lamatti qoodne kan ilaallu ta’a jedha.

Kunis jalqaba irratti keewwattoota xixiqqaa 2 hanga 4 jiranii fi itti aansee keewwata 49 (5) adda addatti qoodne ni ilaalla jedhe.

Qabiyyee keewwata 49 (2-4) gaafa ilaallu, keewwattootni xixiqqaan kunneen kan tuman waa’ee jiraattota magaalaa Finfinnee fi bulchiinsa isheeti. Kana jechuun keewwattonni kunneen kan isaan haasa’an waa’ee mirga ofiin ofbulchuu fi bulchiinsi magaalitti immoo itti waamamni isaa mootummaa federaalaaf  ta’uu, akkasumas jiraattonni magaalitti immoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa keessatti mirga bakka bu’umsaa qabaachuu isaaniiti jechuun ibsa.

Keewwattoonni xixiqqaan 2 hanga 4 jiran kunneen karaa kamiinuu Finfinneen lafa mataa ishee qabaattee akka naannotti ilaalamtee miseensota federeeshinii bu’uura keewwata 46 (1) fi keewwata 2tiin daangaa Itiyoophiyaa murteessuu keessatti  gahee qabaachuu ishee waan agarsiisu hin qaban kan jedhu ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii,  Kanaafuu Finfinneen lafa mataa ishee naannoo ishee taasisu bu’uura heera mootummaatiin hin qabdu jedhe.

Akka xinxala armaan olitti Finfinneen naannoo erga hintaanee, akkasumas federeeshinii hundeessuu keessattis qooda erga hin qabaannee iddoon magaalittiin heera keessatti qabdu akkamitti ilaalamuu qaba? jechuu kan gaafatu ogeessi seeraa kun heerri jiraattota magaalattiif mirga ofiin of bulchuu irra darbee waa’ee teessuma lafa ishee akka naannoo ta’uu ishee dandeessisutti beekamtii hin kennineef jedhe.

Kanaafuu lafti jiraattonni magaalichaa irra jiraatan naannoo federeeshinii hundeessan keessaa kam jalatti argama yookin qaama naannoo kamii jalatti haammatama? kan jedhu dhimma keewwata 49 (5), 46 (1),  47(1), akkasumas keewwata 2 heera mootummaatiin ilaalamuun irra jiraatudha jechuun ibsee jira. 

Keewwata 49 (5) irratti gaaleen — location of Addis Ababa within the state of Oromia… jedhu maal ibsuuf akka tumame bal’inaan ilaaluun ni danda’ama jechuun keeyyattoota federaalizimiin bal’inaan ittiin ibsame, 46 (1), 47 fi keewwata 2tiin Finfinneen naannoo hin jedhamtu jedhe.

Argamni Finfinnee handhuura Oromiyaa keessa ta’uu isaa fi Oromiyaa irraa adda baatee qaama lafa mataashee akka hin qabne keewwata 49 (5) jalatti ibsamuu ogeessi seeraa kun ibsee jira.

Dabalataan keewwata 47 (1 (9) jalatti heerri mootummaa waa’ee argama mootummaa Naannoo Hararii ilaalchisee wanti kaa’e hin jiru. Kana jechuun Naannoon Hararii kallatti hundaaniyyuu Oromiyaan daangeffamtee osuma jirtuuyyuu Naannoo jalqaba irratti federeeshinii heerichaan hundeessan keessaa tokko ta’uun ishee ifaan tumame ni argina jedhe. 

Kanaafuu, Finfinneen osoo naannoo Oromiyaa irraa naannoo adda taate ta’ee akkuma mootummaa naannoo Hararii keewwata 47 (1(9))tiin beekkamtii Naannoo jedhamuu argatti turte. Kanaafuu, Finfinneen naannoo mataa ishee kan hin qabne, inumaayyuu handhuura Oromiyaatti kan argamtuu fi qaama naannoo Oromiyaa ta’uun jala muramee dhimma hubatamuu qabudha jechuun hubachiise.

Ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii xiinxala isaa itti fufuun, magaalaan Finfinnee naannoo mataa ishee dandeesse gochuun osoo barbaadamee bu’uura heera mootummaatiin maal ta’uu qaba? Dhimma jedhu xinxaluun barbaachisaadha jedhe.

Dhimma kana ilaalchisee duraan dursinee sabaa fi sablammoonni kanaan dura naannoo tokko jala turan naannoo mataa isaanii hundeessuuf adeemsa maal keessa darbuu qabu kan jedhu ilaaluun gaaridha jechuun  Kunis dirqamoota tumaalee heerichaa keewwata 47 (3) jalatti tumame guutuun dirqamadha jedhe.

Jalaqaba irratti tumaan kun kan ibsu gaaffiin naannoo ta’uu ka’uu kan qabu saboota, sablammoota, yookin uummattootaan ta’uu akka qabu ni tuma jechuun yoo ibsu, Asirratti jiraattonni magaalaa Finfinnee keewwata 39 fi 46 (2)tiin saboota, sablammoota, yookin ummattoota jedhamuu ni danda’uu? gaaffiin jedhu falmii gara garaa ni qaba. 

Haa ta’u garuu ulaagaan kuniyyuu guutameera osoo jedhamee adeemsi itti aanu maalidha? jechuun kan gaafatu ogeessi seeraa kun, gaaffiin naannoo ta’uu sun kan dhiyaatu mana maree naannichaatiif ta’uu qaba jechuun ibse.

Manni maree naannichaas harka 2/3 sagalee caalmaatiin gaafficha deeggaruu akka qabu keewwata 47 (3(a) irratti tumameera. Iddoo kanarratti gaaffiin jiraattoonni  magaalaa Finfinnee naannoo ta’uudhaaf bu’uura keewwata kanaatiin mana maree naannoo kamiitiif dhiyeessu qabu? Kan jedhu gaaffii jabduu xinxaluun barbaachisudha jechuun ibsee jira.

Gaaffii kana ilaalchisee xiinxaloota keewwattoota heera mootummaa armaan olitti bal’inaan ilaaluuf yaalameen Finfinnee naannoo jedhamte qaama federeeshinichaa akka hin hundeessine ifa galaadha. Finfinneen naannoo hanga hin jedhamneetti immoo manni maree magaalichaa akka mana maree naannolee miseensa federeeshiniitti ilaallamuuf sadarkaa hin qabaatu jechuudha jedha gamaa kanaanis xiinxalla isaa yoo barreessu Ajjamaa Daadhi.

Kanaafuu, gaaffiin Finfinnee naannoo haa taatu jedhamee dhiyaatu bu’uura keewwata 49 (5) fi 47 (3 (a)) tiin lafti ishee qaamaa naannoo Oromiyaa ta’uun, akkasumas naannicha keessatti argamuun,, dabalataaanis Oromiyaan miseensa naannolee federeeshinii hundeesse keessaa tokko ta’uun gaaffiin  naannoo ta’uudhaaf dhiyaatus Oromiyaa irraa cituu waan ilaallatuuf Mana Maree Naannoo sanaatiif, gama kanaan Caffee Oromiyaatiif dhiyaachuu qaba jechuun ibseeti jira.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

one × three =

Back to top button
Copy link