Afan OromoNews
Trending

OMN: Sa'udin hanga ammaa lammii Itoophiyaa meeqa ajjeefte?

Sa'ud Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochuun murtiin du'aa itti murtaa'e irratti murtii du'aa raawwachuu itti fufte.

Sa’ud Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochuun murtiin du’aa itti murtaa’e irratti murtii du’aa raawwachuu itti fufte.

Murtee du’aa dabarsuun kan beekamtu Sa’ud Arabiyaan Kamisa Adooleessa 10 bara 2025 kaaftee hanga Adooleessa 13 bara 2025tti namoota 7 lammiilee Itoophiyaa ta’an irratti adabbicha raawwattee jirti.

Lammiileen biyya alaa bara kana mootummaan Sa’ud Arabiyaa du’a itti murteessee murtichi irratti raawwatame 100 ol akka ta’an dhaabbileen mirga namoomaa gabaasani jiru.

‎Fulbaana bara 2025 irraa jalqabee hanga Adooleessa bara 2025 Lammiilee Itoophiyaa 47 mana hidhaa Magaalaa Naajiraan Sijinaal Ammii jedhamutti murtiin du’aa itti murtaa’e keessaa 20 irratti murtiin du’aa itti murtaa’e raawwatamee jira.

Gabaasa walqabatan;

Lammiilee Itoophiyaa Saa'udiitti ajjeefamaa jiran

Adooleessaa 10 bara 2025 Muraad Yaakub Aadam fi Kalif Qaasim Mohaammad yoo adabbichi irratti irratti raawwatamu, Adooleessa 12, 2025  Abdulaziz Ahmad Habib fi Ali Abdallaa Ahmad kanneen jedhamanis murtiin du’aa itti murtaa’ee ture irratti raawwatameera.

Adooleessa 13, 2025  Abdallaa Ibraahim Abdii, Abdallaa Nuraddin Ahmad fi Jamaal Mohaammad Rashid bifuma walfakkaatuun murtiin du’aa itti murtaa’e raawwtaameera.

Aministii Internaashinaal gabaasa tibbana baaseen waggoota dhiyoon as himata daddabarsa baala sammuu namaa hadoochu jedhuun lammiilee Itoophiyaa dabalatee namoota hedduu irratti murteen du’aa darbuun dabaleera jedhe.

Bara darbe lakkoofsi namota murtii du’aatiin Sa’ud Arabiyaa keessatti adabamanii guddaa tahuus eeree jira.

Murtii  du’aa Sa’udin darbarsite sadii keessaa tokko himata daddabarsa baala sammuu namaa hodochuun kan wal qabate ta’uu kan ibse Aministi Intarnaashinaal akka seerota mirga namoomaa idil-addunyaatti yakka du’aan nama adabsiisu ta’uu hin qabu ture jedhe.

Waggota 10 darban keessatti himata daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu waliin kan wal qabatuun murteewwan du’aa 597 Sawudiitti darban keessaa %75 kan tahu lammiilee biyya alaa irrattiidha jechuun ibse.

Ji’oota torba darban keessatti Sa’ud Arabiyaatti namoonni 189 murtee du’aan kan adabaman yoo tahu, 88 lmmiilee biyyattii yoo ta’n kaan lammiilee biyyoota alaa tahuu AFP gabaasee jira.

Sa’ud Arabiyaan bara 2014 hanga 2025 giddutti namoota 1,816 ta’an murtee du’aan adabdee jirti.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

12 + 1 =

Back to top button
Copy link