NewsAfan Oromo

Aadde Addisee Gannatii (Haadha Urjii) du’aan boqotan. 

Aadde Addiseen haadha warraa qabsaawaa Oromoo Dr Fidoo Eebbaa ti.

Qabsoo Oromoo keessatti maqaa guddaa kan qaban Aadde Addisee Gannatii (Haadha Urjii) du’aan boqotan. 

Haati Warraa Dr. Taaddasaa Fidoo Eebbaa sab-boontuu Aadde Addisee Gannatii (Haadha Urjii) Hagayya 10, 2025 Washington DC.tti du’a tasaan boqotuu isaanii Sagaleen Bilisimmaa Oromoo gabaase.

Haati Urjii umrii isaanii dargaggummaa irraa qabanii qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hiriiruudhaan kabajamuu mirga ummataa isaaniif, Bilisummaadhaaf qooda isaan irraa barbaadamu kennaa turaniiru.

Haalota ulfaatoo fi rakkisoo keessa murannoodhaan darbuun jabina isaanii mul’isaniiru.

Sirni geggeessaa isaaniis Hagayya 17, 2025tti kan adeemsifamu tahuu sagantaa ba’e irraa beekuun danda’ameera.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn, du’aan boqotuu sab-boontuu Aadde Addisee Gannatii (Haadha Urjii)tti gaddi itti dhaga’ame olaanaa ta’uu ibseera. Maatii fi firootaafis jajjabina dabarsee jira.

Abbaan Warraa Haadha Urjii, bu’uuressitoota ABO keessaa tokko kan ta’anii fi hayyuun Oromoo Dr. Taaddasaa Fidoo Eebbaa, Caamsaa 01, 2022tti boqochuun isaanii ni yaadatamuu dha.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

seventeen + 15 =

Back to top button
Copy link