Afan OromoNewsPolitics

OMN: Piroojektii Buufata Xiyyaaraa Aabbuu Seeraa fi Miidhaa isaa

Waldaan Odaa Nabee Idil-addunyaa ijaarsi buufata xiyyaaraa Aabbuu Seeraa yaaddoo fi sodaa cimaa hawaasa Tulaamaa irratti uumee jira jedhe.

Waldaan Odaa Nabee Idil-addunyaa ijaarsi buufata xiyyaaraa Aabbuu Seeraa yaaddoo fi sodaa cimaa hawaasa Tulaamaa irratti uumee jira jedhe.

Waldichi gabaasa bal’aa OMNf ergeen rakkoo piroojektiin buufata xiyyaaraa  Aabbuu Seeraa ummata naannichaa irratti fiduu fi haala qabatamaa addunyaa irratti piroojektoonni walfakkaatoon ittiin ijaaraman ibsee jira.

Pirojektiin buufata xiyyaaraa Aabbuu Seeraa, kan Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ijaaruuf karoorfate, akka misooma guddaatti dhiyaataa jira kan jedhu Waldaan  Odaa Nabee Idil-addunyaa, garuu pirojektichi uummata naannoo sanaaf abdii osoo hin taane sodaa fi yaaddoo cimaa uumaee jira jedhe. 

Sababni isaas, maatii kuma hedduu lakkaa’amu lafa abbootii isaanii irraa buqqisuuf qophiin xumuramuu isaati jechuun ibse.

Akka ragaaleen mul’isanitti buufanni xiyyaaraa Aabbuu Seeraa lafa Iskuweer Kiloo meetira 35 irratti kan ijaaramu yoo ta’u, buufata xiyyaaraa xiyyaarota 270 qabachuu danda’uu fi waggatti imaltoota miliyoona 100 tajaajiluu danda’uudha.

Pirojektiin kun Afrikaa keessaa piroojektii guddaa fi isa olaanaa ta’uun ibsamee jira.

Ijaarsa Piroojektii kanaatiif lafa hektaara 3,500 olii qonnaan bultoota irraa fudhachuun, maatii gara 3,000 ta’an buqqisaa jiraa kan jedhu gabaasni Waldaa Odaa Nabee Idil-addunyaa, kunis namoota gara 15,000 ta’an jireenya haaraa jalqabsiisaa jedhe.

Pirojektichi Aanaa Aabbuu Seeraa, gandoota jaha kanneen Jahan Galaan jedhaman Aabbuu Aciroo, Aabbuu Garbii, Aabbuu Kombolchaa, Aabbuu Looyyaa, Aabbuu Lugnaa fi Aabbuu Saarkamaa lafa isaani irraa buqqisaa jedhee jira.

Jiraattonni kunneen lafa qonnaa fi manneen isaanii akka gadhiisanif ajajni itti kennamus, garuu bakka qubannaa, beenyaa fi mirga isaanii irratti ibsi gahaan hin kenname jedhe.

Ummata Oromoo maqaa misoomaatiin lafa isaanii irraa buqqisuun haaraa miti kan jedhu gabaasni kun, pirojektoonni misoomaa akka Wonjii Qooqaa, Matahaaraa fi Buufata Xiyyaaraa Boolee uummata Tuulamaa lafa abbootii isaanii irraa buqqisanii jiru jechuun ibse.

Seenaa kana keessatti, beenyaan gahaan hin kennamne; hawaasonni buqqa’an hedduun isaanii hiyyummaa, baduu aadaa fi liqimfamuu eenyummaa mudatani jiru jechuun ibsee jira.

Qorannoowwan addunyaa akka agarsiisanitti, buqqa’iinsi hawaasa walitti dhufeenya cimaa qabu diiga. Aabbuu keessatti, buqqa’iinsi kun sirna gosa, wal-gargaarsa fi aadaa Oromoo balleessuu danda’a jechuun akeeke.

Lafti bu’uura jireenya hawaasaati kan Waldaan Odaa Nabee Idil-addunyaa, Lafa dhabuu jechuun galii dhabuu, egeree ijoollee dhabuu fi hiyyummaa keessatti kufuudha jechuun rakkoo gama diinagdee hawaasicha muudatuu malus eeree jira.

Ijaarsa fi hojiirra oolmaa buufata xiyyaaraa kanaan faalamni qilleensaa, bishaanii fi lafa qonnaa ni dabala. Kun fayyaa hawaasaa, bineensotaa fi qabeenya uumamaa naannichaa irratti dhiibbaa guddaa qaba jechuun rakkoo gama fayyaatiin uumamuu malus eeree jira.

Piroojektii kanaan gaaffii Siyaasaa fi Eenyummaa ka’uu malaa kan jedhu gabaasni bal’aan Waldaa Odaa Nabee Idil-addunyaa baase, beektotni dhimma hawaasaa akka jedhanitti, pirojektichi babal’ina uummata alagaa guddaa fiduu mala. Kun Afaan, aadaa, fi eenyummaa Oromoo balleessuun kan alagaatii bakka buusuu danda’a jechuun addeessee jira.

‘Misoomni Nu Buqqisuu Hin Qabu’

Jiraattonni Aabbuu Seeraa misoomni dhugaan kan uummata hirmaachisu, beenyaa haqa qabeessaa kennu fi jireenya keenya hin balleessine ta’uu qaba jedhan.

Hawaasni Aabbuu Seeraa mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irraa marii ifaa, hirmaannaa uummataa fi kabaja mirga lafaa barbaadaa kan jedhu gabaasichi, Dhaabbileen mirga namoomaa fi miidiyaaleen dhimma kanaaf xiyyeefannaa kennuu qabu jechuun waamicha taasise.

Piroojektiin buufata xiyyaaraa Aabbuu Seeraa akka carraa misoomaa guddaatti dhiyaatus, yoo uummata irratti hirmaannaa, iftoomina fi haqa hin kabajne ta’e, balaa hawaasaa ta’uu danda’a jedhe.

Buqqa’iinsa Aabbuu mirga namoomaa fi seeraa cabsuu waan ta’eef, gareen falmii fi sagalee uummataa hundaa’ee rakkoo isaanii uummata Oromoo fi addunyaa biraan ga’uuf hojjechuu qaba, hawaasni Aabbuu Seeraa bakka bu’ummaa seeraa hin qabu. Kanaaf, abukaatoo seeraan beekame argachuun murteessaadha jedha gabaasni kun.

Baankii Misooma Afrikaa (AfDB) kan pirojektichaaf doolaara biliyoona 7.8 kennuuf waliigaltee mallatteesse, pirojektoota seera idil-addunyaa fi mirga namoomaa hin kabajne deeggaruu hin qabu. Gareen seeraa fi falmii Baankii Misooma Afrikaatiif xalayaa yaaddoo dhiyeessuu qaba jedhe.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

6 − one =

Back to top button
Copy link