Biiroo Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Afaan Oromoo du'aa jira. Hayyoota
Caasaa mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo du’aa jira jedhu hayyoonni.

Caasaa mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo du’aa jira jedhu hayyoonni.
Afaanichi caasaa mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti afaan biraan bakka bu’aa jira jedhu.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa heera keessatti waayee Afaan Oromoo fi Qubee itti dhimma bahamuu tumus garuu dhimmoonni kunneen amma xiyyeeffannaa maluuf dhaban jedhu.
Mirguma heerri kenne hojiirra oolchuuf to’annaa fi hordoffiin waan hin jirreef afaanichi quucaraa jira jedhu hayyoonni afaanii fookiloorii Xilaahun Taliilaa(PhD) fi Qulqulluu Ijoo.
Barsiisaa Qulqulluu Ijoo fi Xilaahun Taliilaa(PhD) qorattoota Afaanii fi Fookloorii ti. Marii dhimma afaaniirratti AMN plus irratti tolchaniin, afaan Oromoo caasaa mootummaa keessatti xiyyeeffannaa dhabee qancaraa jiraachuu himu.
Hojii caasaa mootummaa naannichaa keessatti Qubeen soroorfamee hin barreeffamu, hojjettoonni mootummaa tajaajila guyyaa guyyaa kennan keessatti Afaan Amaaraa yookin Afaan Amaaraa fi Afaan Oromoo waliin makanii hojjetu kan jedhu barsiisaa Qulqulluun, kun adeemsa faallaa heera mootummaa naannichaa ta’uu ibsa. Adeemsi akkanaa afaanicha ni ajjeesa, qulqullina tajaajila mootummaa akkasumas hariiroo mootummaa fi uummataas ni miidha jedha.
Kun xiyyeeffannaa mootummaa dhabuurraa kan madde akka ta’es eera barsiisaa Qulqulluuun.
Gabaasota walqabatan;
Dubbii Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa Gochuu Waadaatti Hafe.
Eenyummaa Haaraa fi Hiree Sabootaa
Linguistic Injustice in Ethiopia:
Gaaffiin guddina Afaan Oromoo gaaffii siyaasaa qofa osoo hin taane gaaffii mirga namoomaati kan jedhu immoo Xilaahun Taliilaa (PhD) ti. Itti fayyadama, bulchiinsa, misoomaa fi kunuunsa afaanii irratti hojiin hojjetamu guddina afaanii keessatti murteessaa akka ta’e barsiisaa Xilaahun ibseera.
Caasaa mootummaa keessatti hanqina to’annoo fi hordoffii mootummaan tajaajila Afaan Oromoo irratti godhutu guddina afaanichaa quucarsaa jira kan jedhu barsiisaa Qulqulluun, nuti hayyoonni yeroo hedduu akkaadaamiin aadaa fi Afaan Oromoo kan silaa dagaaginaa fi qulqullina afaanichaa keessatti gahee qabu akka hundaawu gaaffii yeroo dheeraaf gaafannus mootummaan gaaficha deebisuus fedha hin horanne jedha.
Gama biraatiin, barnoota sadarkaa 2ffaa keessatti Barnoonni Afaan Oromoo torbaanitti waqtii tokkotti deebi’uun guddina afaanichaaf balaa akka ta’u Barsiisaa Xilaahun eereera.
Dhimma afaanicha afaan hojii mootummaa federaalaa gochuurratti yoo yaada kennu barsiisaa Qulqulluun, mirguma heerri amma hojiirra jiru kenneen labsiidhumaan Afaan Oromoo caasaa federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti afaan hojii akka ta’u gochuun akka danda’amu akeekeera. Kanneen heera fi imaammatatu danqaa ta’e jedhan warra guddina Afaan Oromoo hin feene jedha.
Uummanni sababa afaan isaa dhaabbilee fayyaa, manneen murtii fi caasaawwan garaagaraa keessatti afaan isaan tajaajila dhabuun mirga namoomaa mulqamuu akka ta’e eera barsiisaa Xilaahun.
Hayyoonni lamaanuu tajaajilli, misoomni, kunuunsi afaanii dagaagina afaaniif murteessaa ta’uu fi kanaaf hundaa ol mootummaan gahee guddaa akka qabu hubachiisan.






