Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Rakkoolee Itoophiyaan Daakaa Jirtuu fi Furmaata

Rakkoolee Itoophiyaa gama siyaas-diinagdee fi hawaasummaa

Qondaala Olaanaa fi itti Aanaa Barreessaa olaanaa Kongiransii Federaalawaa Oromoo kan ta’an obbo Hamzaa Booranaa “Gufachuun jijjiirama siyaas-diinagdee Itoophiyaa gaaga’ama  namoomaa, siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa biyyatti hordofsiisee jedhe.

Obbo Hamzaa Booranaa turtii OMN waliin taasiseen haalli siyaas-dinagdee Itoophiyaa qormaataa fi waraanaan  kan guuttameedha jedhe.

Rakkoo Itoophiyaa hudhanii qaban keessaa rakkoon nageenyaa fi dhabamuun tasgabbii isa olaanaan kan jedhu qondaallii KFO Hamzaa Booranaa, rakkoon nageenyaa fi tasgabbii guyyaa gara guyyaatti hammaataa jira jedhe.

Oromiyaa keessatti rakkoo nageenyaatiin ummanni bahaa gala dhabee jira, ibiddi waraanaa ummata nyaatee fixaa jira, sababa rakkoo nageenyaa fi tasgabbitiin qaala’iinsi jireenyaa ammoo qormaata bira jireenya ummataa dukanneesseedha jedha.

Rakkoo nageenyaa fi tasgabbii dhabuutiin qotee bulaan, hojjataan mootummaa, hawaasni biyyatti rakkoo hamtuu keessa jira kan jedhu qondaallii Paartii Kongiransii Federaalawaa Oromoo Hamzaa Booranaa, rakkoon qaala’insa jireenya rakkoowwan hammeenya hamaa hordofsiisaa jiraniidha jedha.

Rakkoon biraa Itoophiyaa keessatti qormaata jireenya lammiilee ta’e rakkoo daangaati kan jedhu Hamzaa Booranaa, rakkoon daangaa lubbuu lammiilee nagayaa galafaatuun balaa guddaa biyyatti keessatti dhaqqabsiisaa jira jedha.

Dirreen siyaasaa biyyatti keessatti dhiphachuun rakkoo biraati, paartileen morkattoota Itoophiyaa keessaa jiran dirreen siyaasaa itti dhiphatee, hoongantoonni paartilee siyaasaa, miseensoonni kore hoji raawwachiiftuu, Miseensoonni Koree giddugaleessaa hidhamani, waajjiraaleen isaani cufamani jiru jechuun dhiphachuu dirree siyaasaa Itoophiyaa ibsa.

Paartiin isaanii Kongiransii Federaalawaa Oromoo waajjiraalee danuu biyyatti keessaa qabu hunda dhabuun waajjira mummee qofatti deebi’ee ta’aa jira kan jedhu Hamzaa Booranaa, kun dirreen siyaasaa biyyatti dhiphachuu isaatiif argisiiftuudha jechuun dubbata.

Biyyatti keessatti mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu fi bakka bakkatti socha’uu daangeefamaadha jedha. 

Ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamuuf qaamni itti gaafatamummaa fudhatu hin jiru kan jedhu qondaallii KFO Obbo Hamzaa Booranaa, biyyatti keessatti qaama nama ajjeesuu fi sababa ajjeefamaniif hin beekkamuu jedha.

Ajjeechaan lammiilee nagaa irratti raawwatamu yeroo gara yerootti hammaataa jiraachuu ibsa.

Hoji dhabdummaan biyyatti keessatti hammachuu, seektarri barnootaa cabuun barattoota facaasuu, sabaaba dargaggeessii bakka ooluu fi waan hojjatu dhabeef maatii isaatti ba’aa ta’ee jira jedha.

Rakkoon biraa Itoophiyaa keessatti hammaate hanna kan jedhu Hamzaan, dur hanni dhoksaan geggeefamaa, amma ifa bahee raawwatamaa jira jechuun dubbata.

Ummanni guyyaa adiin saamamaa, milishaan ummata guyyaa adiin tumtee saamti, kafaltiin nagahee seeraa hin qabne dirqamaan ummata irraa guuramaa jira, saamichi ifa bahe deemaa jira, biyyatti keessatti warrii aangoo qabanii fi dallaalonni qabeenyaa kuufatani jiru, ummanni biyyatti ammoo jireenya hiyyummaa gadii jiraataa jira jedha qondaalli kun rakkoo Itoophiyaan keessa jirtu yoo ibsu.

Milishaan ebaluun waliin argamtee jirta jechuun galgala dhufee mana isii fuudhee hanga humna isaa si tume mana hidhatti si darbaa, achii bahuuf mallaqa kafaltaa, mallaqicha kafaluuf waan qabdu gurgurtee kafaltaa, yoo hin qabaatin firaa fiixaa keettu waan qabu walitti qabee milishaa kenne si baasa jechuun dubbata.

Rakkoolee biyyatti hudhanii qabaniif furmaanni maalii? gaafii jedhuuf Hamzaa Booranaa furmaanni hayyoota Oromooti jedha.

Biyyatti san keessatti nagaa fiduuf dursa mana Oromoo keessatti nagaa buusuun dirqama, waraanni Oromiyaa keessaa dhaabbachuu qaba, walwaraansi Oromiyaa keessaa mariin furamuu qaba, Oromoon waraanaan wal injifachuu hin danda’u, kanaaf wal waraansi atantamaan dhaabbatee Oromoo jiddutti mariin adeemsifamuu qaba jechuun ibsa.

Mootummaan biyya bulchaa jiru qaama rakkoo Itoophiyaatis, furmaata rakkoo Itoophiyaatis jechuun kan ibsu qondaallii KFO Hamzaa Booranaa, qaamonni hunduu mari’atee mana Oromootti nagaa fi qabbana buusuu qaba jechuun ibsee jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

four − 2 =

Back to top button
Copy link